Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisaniiru.
Ministirri muummee appilkeeshinii kana yaa’ii mata duree “ga'ooma dijitaalaa” jedhuun qophaa’erratti argamuun eebbisuusaanii ibsaniiru.
Appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru.
Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhaniiru.
Bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru.
Hundaa ol mul’anni Itiyoophiyaa fedhii as dhihoo osoo hin taane , dhugaa harkaa fi dandeettii keenyaan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu ragaa qabatamaa akka ta’e dubbataniiru.
Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa fi obboleeyyii keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon akka tarkaanfannun dhaama jedhan ministirri muummee.