Tamsaasa Kallatti:

Dandeettii dorgommii Invastimantii mirkaneessuuf hoggansi haala qabatamaa hubachuun tattaaffiisaa cimsuu qaba

Waxabajjii 13/2018 (ENA)-Hojmaata barame hordofuun dandeettii dorgommii invastimantii mirkaneessuun waan hin danda’amneef hoggansi haala qabatamaa sirriitti hubachuun tattaaffiisaa cimsuu qaba jedhan pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dubbatan.

Gareen hoggantoota olaanoo federaalaa fi naannoo pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu zoonii dinagdee addaa Gadaa daawwateera.


 

Pirezidaanti Shimallis yeroo kana akka jedhanitti, hojmaata barame hordofuun dandeettii dorgommii Invastimantii mirkaneessuun waan hin danda’amneef hoggansi jijjiiramaa haala qabatamaa jiru dursee hubachuudhaan tarsiimoo bocee hojjechuu qaba.

Zooniin dinagdee addaa Gadaas kana ka’umsa godhachuun hojjechaa jiraachuu eeranii, yeroo ammaa invastimantii garagaraa keessa galuusaa ibsaniiru.

Zooniin dinagdee addaa Gadaa kaayyoo cehumsa caasaa dinagdee milkeessuun gara boqonnaa haaraatti kan ceesisu ta’uu dubbataniiru.

Zooniin dinagdee addaa boqonnaa qophii bu’ura misoomaa keessa darbee bakka kaappitaalli, omishtummaa fi magaalummaan itti arganii fi kaayyoo waloosaanii kan itti cimsan ta’uu dubbataniiru.

Sochii amma ammaatti jiruun dameeleen daldalaa fi lojistiksii, oomisha qonnaa qiqindeessuun, Maanuufaakchariingiin, albuudaa, tajaajilaa fi kanneen biroo zoonicha keessatti hojjechaa jiru jedhan.

Dureeyyota Itiyoophiyaa dabalatee Invastaroonni Chaayinaa. Ameerikaa, Emereetota Araba Gamtoomnii, Hoolandi Xaaliyaanii fi invastaroonni biyyoota biroo hojii kanarra akka jiran kaasaniiru.


Mootummaan naannoo Oromiyaa tarkaanfiiwwan tarsiimawaa cehumsa caasaa dinagdee mirkaneessan cimsuudhaan, dorgommii sadarkaa idil addunyaa caalaatti kan guddisu ta’a jedhaniiru.

Gorsaan dinagdee gooroo ministira muummee ambaasaaddar Girmaa Birruu, bulchaan baankii biyyaalessaa Dr. Iyyoob Takkaaliny, komishinariin komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen fi hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015