Kantiibaa Adaanech Abeebee sosochii qulqullinaa tola ooltummaa gannaa eegalchiisan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebee sosochii qulqullinaa tola ooltummaa gannaa eegalchiisan
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee sosochii qulqullinaa tola ooltummaa gannaa eegalchiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech yeroo kana ergaa dabarsaniin, safartuun sadarkaa Idil- addunyaa guddina magaalaa tokkoo qulqullina, miidhaginaa fi magariisummaadha jedhaniiru.
Magaalaa Miidhagaa, qulqulluu fi magariisa uumuuf ummata keenyaa fi qooda fudhattoota kutannoodhaan hirmaachisuu dandeenyeera, sadarkaa Afriikaatti magaalota qulqulluu 10 keessaa tokko akka taatu kan goones hirmaannaa ummataa fi hojii bu’a qabeessaatiini jechuun ibsaniiru.
Kanaan dura Finfinneen hanqina qulqullinaa fi miidhaginaatiin akkasumas magariisa ta’uu dhabuun komatamaa akka ture yaadachiisanii, hojiiwwan qindaa’aa fi walitti fufaa hojjetameen bifni kun maqfamuu dubbataniiru.
“Qulqullinni hojii fi aadaa yeroo hundaa ta’uu qaba” kan jedhan kantiibaa Adaanech, qulqullinni jireenya keenya waliin kan walitti hidhate ta’uusaa bakka hundatti mirkaneessuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Qulqullinni manarraa akka eegalu eeruun, jiraattonni hundi hojii kana naannawaa fi dhaabbatasaa keessatti aadeffachuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin, dhimmi kun guutummaatti aadaa keenya amma ta’utti , aara galfii malee hojjechuu, yeroo hunda hordoffii gochuu fi hundi keenya ambaasaaddara qulqullinaa ta’uu qabna jedhaniiru.