Tamsaasa Kallatti:

Pirojektii buufata Xiyyaaraa Bishooftuu – Boqonnaa milkaa’inaa Itiyoophiyaa isa haaraa keessaa isa tokko

Waggoottan darban fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessuudhaan akkasumas dhaabbilee cimaa gama ijaaruutiin hojiileen ijoon biyyattii ol kaasan raawwatamaniiru.

Dhaabbilee milkaa’inni keessatti galmaa’an keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa isa tokkodha. Dhaabbatichi dameewan hundaan humnasaa guddifachaa jira. Kanaaf ammo ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu ragaadha.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Amajjii 2 bara 2018 ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu yeroo jalqabsiisan dooniiwwan samiirra balali’aniif akka buufataatti tajaajila, Kunis cabinsa sirna loojistiksii Itiyoophiyaa bara dheeraaf deebii kan ta’udha jechuunsaanii ni yaadatama.


Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu agarsiiftuu guddina Aviyeeshinii Afriikaa fi fakkeenya guddaa akka ta’u eegama.

Pirojektiin kun Itiyoophiyaa Aviyeeshinii addunyaa adda duree ta’an keessaa tokko kan isa taasisu yoo ta’u, dandeettii dorgommii idil addunyaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa baay’ee guddisa.

Seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misooma Aviyeeshinii isa guddaa waan ta’eef Itiyoophiyaan dandeettii damee geejjiba qilleensaatiin qabdu caalaatti beeksisa.

Buufanni Xiyyaaraa kun biyyattii hojiirra oolmaa riijinii daldala bilisaa Afriikaa (AfCFTA) si’achiisuu fi walitti hidhamiinsa daldalaa fi dinagdee cimsuuf qooda ijoo bahata.

Magaalaan Erpoortii buufata Xiyyaaraa Kanaan wal qabatee hundeeffamu dameewwan daldalaa, industirii fi Turizimiitiin guddina naannawichaaf gumaacha guddaa kan qabaatu yoo ta’u sochii dinagdee dabalataa ni uuma.

Pirojektichi guddaa ta’uunsaa fi faayidaan tarsiimawaa inni qabu invastimantii kallattii alaa (FDI) gara Itiyoophiyaatti hawachuudhaan alattis yeroo ijaaramaa jiruu fi yeroo xumurames tajaajiloota kennamaniin lammiilee biyyattii kumaan lakkaa’amaniif carraa hojii kallattii fi al kallattii ni uumu.

Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu waggoottan jijjiiramaa darbanitti hojiirra kan oole dandeettii pirojektoota jalqabanii xumuruu kan mirkaneessu akka ta’u ni eegama.

Itiyoophiyaan pirojektoota meeggaa gurguddoo fi wal xaxaa hooggansa cimaadhaan gaggeessuun yeroo kaa’ameefitti qulqullinaan xumuruun eebbisuun sadarkaa idil addunyaatti raga kan bahameef aadaa hojii biyyaalessaa haaraa uumteetti.

Fakkeenyaaf hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha xumuruu, yaadannoo injifannoo Adwaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaruu, golambaa Saayinsii,misooma kooriidaraa fi bakkeewwan bashannanaa tuuristootaa ammayyaa qulqullinaan xumuramanii tajaajilaaf ooluunsaanii Itiyoophiyaan yeroo ammaa pirojektoota dinagdeee fi bu’ura misoomaa gurguddoo karoorsuu, gaggeessuu fi yeroo qabameefitti xumuruuf qabatamaan dandeettii qabdu kan agarsiisudha.

Buufanni Xiyyaaraa Bishooftuus imala cichoomaa fi milkaa’inaa sadarkaa olaanaatti kan irra deebi’u ta’a.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015