Tamsaasa Kallatti:

Rakkoo bulchiinsa gaarii mudatan furuuf mariin hawaasaa gaggeeffame

Waxabajjii 12/2018 (ENA)-Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti waltajjiin marii hawaasaa rakkoo bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaan wal qabatanii ka’aa turan furuun Mootummaa fi Ummata gidduutti wal hubannaa gaariin akka jiraatuuf mariin gaggeeffamuu waajjirri komunikeeshinii kutaa magaalichaa beeeksise.

Waltajjicha irratti kan argaman Itti Aanaan Bulchaa Kutaa Magaalichaa Obbo Haacaaluu Lachiisaa Mootummaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf imaammataa fi tarsiimoowwan garaagaraa baasuun hojjechaa jira jedhaniiru.

Waltajjii fuulaa fi fuulaatiin komataafi komatamaa walitti fiduun rakkooleen jiran furmaata waarawaa ta'e akka argatan taasifamaa jiraachuu himuun, gaaffilee fi komiilee hawaasaa hiikuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu himaniiru.


 

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Kutaa Magaalichaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa obbo Wanduu Nagaash Mootummaan rakkoolee Kenna tajaajilaafi Bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran hiikuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni tajaajila argachuu qabu karaa guutuu akka argatu taasisuuf hojjechuun murteessaa ta'uu himuun, rakkoo bishaan dhugaatii akka Kutaa Magaalichaatti jiru hiikuuf hawaasa waliin qindoomuun kan hojjetan ta'uu himaniiru.


 

Rakkooleen Kenna tajaajilaa fi Bulchiinsa gaarii sadarkaan jiran akka furamaniif waltajjii fuulaa fi fuulaatiin komataa fi komatamaa walitti fiduun wal hubannaan gaarii fi kallattiin furmaataa akka jiraatuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Gaafatamtuun Waajjira Komunikeshinii Kutaa Magaalichaa Daraartuu Kabbadaa ibsaniiru.


 

Kanaaf guyyaa har’aa rakkoo bishaan dhugaatii jiru furuuf Komataa fi komatamaa walitti fiduun iftoomina uumuufi hawaasa keenyaaf furmaata kennuuf waltajjiin fuulaa fi fuulaa kun kan qophaa'e ta’uu ibsaniiru.

Hirmaattonni Waltajjichaa tokko tokkos rakkoon bishaan dhugaatii isaan muudachaa jiraachuu himuun, Mootummaan rakkoo kanaaf furmaata akka isaaniif kennu gaafataniiru.

Waltajjicha irratti qooda fudhattoonni garaagaraa komii rakkoo bishaan dhugaatii sadarkaan jiran furuuf qindoominaan kan hojjetan ta'uu himaniiru.


 

Waajjira koomunikeeshinii Kutaa magaalichaarraa

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015