Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha. - ENA Afaan Oromoo
Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru wal-hubannoo uumuun tokkummaa kan cimsudha.
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru hubannoo waloo biyyaalessaa uumuun tokkummaa kan cimsu ta'uu Itiyoophiyaatti bakka bu'aan sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNDP) Saamu'eel Doo ibsan.
Komiishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii isaa Adooleessa 8,bara 2018 irraa jalqabee akka gaggeessu beeksiseera.
Komiishinichi yaa’ii kana gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoo taasisaa jira.
Itiyoophiyaatti Bakka Bu'aan Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Saamu'eel Doo ENA waliin turtii taasisaniin, Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa erga hundaa'ee kaasee hojii nama dinqisiisu hojjechuu isaa ibsaniiru.
Mariin rakkina bu'uuraa biyya tokko keessatti mul'atu mariidhaan furuun hubannoo waloo biyyaalessaa uumuu kan dandeessisu ta'uu eeraniiru.
Adeemsa marii Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu milkiin itti fufsiisuuf kutannoo agarsiisaniif mootummaan fi ummanni Itiyoophiyaa akkasumas komiishinichi galata guddaan isaaniif mala jedhaniiru.
Muxannoo Laayibeeriyaa dabalatee, Kolombiyaa, Ameerikaa Latiini, Eeshiyaa fi kutaalee Afrikaa adda addaa keessatti mariiwwan biyyaalessaa taasifaman qo'achuu isaanii eeranii; adeemsi marii furmaata filannoo hin qabne ta'uu ibsaniiru.
Hojiin akkasii fedhii guddaa, kutannoo ol'aanaa fi waliin gara fuulduraatti deemuuf obsa cimaa kan gaafatu ta'uu hubachiisaniiru.
Filannoowwan nagaa fi marii carraa fuulduraa hawaasaa caalaatti kan ifa taasisan ta'uu ibsuun; Itiyoophiyaa saboota baay'ee fi seenaa nama dinqisiisu qabdu keessatti tokkummaa biyyaalessaa fi misooma waaraa caalaatti cimsuuf mariin waliinii murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Kanaafuu, Itiyoophiyaanonni adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaachuun milkaa'ina isaatiif gahee ijaarsaa taphachuu akka qaban hubachiisaniiru.