Tamsaasa Kallatti:

Workishoppii qorannoo guutuu magaalaa shanaffaan akkaadaamii hoggansa Finfinnee boru gaggeeffama

Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Akaadamii Hoggansa Finfinnee workishooppii qo'annoo fi qorannoo guutuu magaalaa shanaffaa boru, Waxabajjii 13 bara 2018 Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka gaggeessu beeksise.

Workishoppiin kun mata-duree "Hojiiwwan qorannoo furmaata fidan badhaadhina waliigala magaalaa keenyaatiif" jedhuun akka gaggeeffamus eerameera.

Daarektarri Qo'annoo fi Misoomma Akaadamichaa Doktar Abinnat Fullaasaa ibsa gaazzexaa kennaniin; akaadamichi imaammatoota fi tarsiimoowwan misooma magaalattis ta'ee biyyattii hojiirra oolchuuf kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Kanaanis, workishoppiiwwan qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa magaalattiis ta'ee biyyattiif furmaata saayinsawaa argamsiisuu kan dandeessisan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Akaadamichi kanaan dura workishoppiiwwan wal-fakkaatan afur gaggeessuu isaa yaadachuun, waltajjii shanaffaa kana irrattis waraqaawwan qorannoo ja'a kanneen furmaata gama-hedduu magaalattii agarsiisan dhiyaatanii akka mari’atamu beeksisaniiru.

Kanaanis, qulqullina kenninsa tajaajilaa fi itti quufinsa maamilaa, deeggarsa intarpiraayizootaaf taasifamu guddina daldalaa irratti gahee inni qabu, akkasumas raawwii hojii fi hojiirra oolmaa sirna hoggansaa kanneen hammatan waraqaawwan qorannoo akka dhiyaatan eeraniiru.

Dabalataanis, faayidaa hojiirra oolmaa tajaajila elektirooniksii (E-service) itti-gaafatamummaa irratti qabuu fi gamaggama raawwii damee geejjibaa qorannoowwan ilaallatan akka dhiyaatan ibsaniiru.

Workishoppiin kun bu'aawwan qorannoo gaggaarii qaamolee qooda fudhattootaaf dhiheesuun, hojiirra ooluu isaanii mirkaneessuu fi ce’umsa beekumsaa uumuuf kan kaayyeffate ta’uusaa ibsaniiru.

Waltajjii kana irratti qondaaltotni ol'aanoon bulchiinsa magaalattii, miseensonni boordii, hayyoonni affeeraman dabalatee dhaabbilee qorannoo fi leenjii akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon akka hirmaatan beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015