Sirni Hojii Onlaayinii Ejansichi eegale kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa kan taasisudha - ENA Afaan Oromoo
Sirni Hojii Onlaayinii Ejansichi eegale kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa kan taasisudha
Waxabajjii 12/2018 (ENA) – Sirni hojii onlaayinii Eejansiin galmeessa ragaalee bu’uura hawaasummaa jalqabe tarkaanfii guddaa kenniinsa tajaajilaa ifaa fi si’ataa taasisu ta’uu sadarkaa itti aanaa kantiibaatti Hojii Raawwachiisaan Ol’aanaa Injiinar Wandimmuu Seetaa ibsan .
Ejansiin Galmeessa ragaa bu’uura hawaasummaa bifa onlaayinii jiraattonni bakka jiranitti tajaajilamuu danda'an hojii jalqabsiiseera.
Injiinar Wandimmuu Seetaa sirna kanarratti akka jedhanitti; tajaajilli onlaayinii kun kenniinsa tajaajilaa gabaabaa fi ifa kan taasisu hojii guddaadha jedhaniiru.
Tajaajiloota magaalattii keessatti kennaman si’ataa fi ifa kan taasisan ta’uus eeraniiru.
Appilikeeshinichi inistitiyuutii hubannaa namtolchee Itiyoophiyaatiin qophaa'uun isaa kan nama boonsu ta’uusaas eeraniiru.
Daarektarri Ol’aanaa Ejansichaa Yooseef Nugusee gamasaaniitiin akka ibsanitti; eejansichi hojmaataa fi sirna riifoormii jalqabe cimsee itti fufeera.
Tajaajilli onlaayinii har'a ifatti jalqabame kunis qaama hojii riifoormii kanaa yoo ta'u, kunis kenniinsa tajaajilaa caalaatti saffisaa fi mijataa kan taasisudha jedhaniiru.
Kanaanis jiraattonni magaalattii bakka jiran ta'uun, Waraqaa ragaa dhalootaa (Birth Certificate), Tajaajila waraqaa eenyummaa (ID Services) fi Ragaa gaa’ilaa, karaa onlaayiniitiin gaafachuun salphaatti argachuu akka danda'an ibsaniiru.
Dabalataanis, appilikeeshiniin onlaayinii haaraan kun sanadoota sobaa fi eenyummeessaa sobaa guutummaatti ittisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu eeraniiru.
Walumaagalaan, appilikeeshiniin kun kenna tajaajilaa kan saffisiisu dhaabbata guddaa ta’uu beeksisaniiru.