Nannichatti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu ni godhama-Pirezidaanti Ordiin Badrii - ENA Afaan Oromoo
Nannichatti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu ni godhama-Pirezidaanti Ordiin Badrii
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti dureeyyii damee albuudaarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamu Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan.
Pirezidaantichii fi kaabineensaanii hojiiwwan naannichatti damee albuudaarratti hojjetamaa jiran irra deemanii ilaalaniiru.
Pirezidaanti Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, keessumaa qabeenya dilbii Giraanaayitii fi dhakaa nooraa naannichatti argamu faayidaarra oolchuudhaan hojiileen onnachiisoon hojjetamaa jiru.
Hojiilee hojjetamaa jiraniinis namoonni hedduun carraa hojii argachuusaanii dubbataniiru.
Qabeenya albuudaa sirriitti fayyadamuun faayidaan carraa hojii lammiileef faayidaa olaanaa akka qabu ibsanii, hojiileen eegalaman cimanii akka itti fufan xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru.
Dureeyyii naannichatti albuudaarratti hojjetaman onnachiisuun gamatti, dureeyyii haaraa albuudarratti hojjetaniif deeggarsi barbaachisu akka godhamu pirezidaantichi dubbataniiru.