Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni tola ooltonni ganna kana dameewwan 14’n nihirmaatu - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti dargaggoonni tola ooltonni ganna kana dameewwan 14’n nihirmaatu
Waxabajjii 12/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti ganna kana dargaggoota tola ooltota hojiilee misoomaa garagaraa dameewwan 14 irratti hirmaachisuuf qophiin taasifamuu biiroon dargaggootaa fi ispoortii naannichaa beeksise.
Biirichatti qindeessaan tola ooltummaa Amiinoo Amaan Turtii ENA waliin taasisaniin, ganna kana dargaggoota tola ooltota hojiiwwan misoomaa garagaraa irratti bobbaasuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa naannichatti baramaa dhufuusaa eeranii, dargaggoonni baatii bonaa fi gannaa idileedhaan hojii garagaraa hojjechuun guddina hawaasaa fi biyyaaf qoodasaanii bahaa jiru jedhaniiru.
Ganna kana dargaggoota tola ooltota miiliyoona 7 tuqaa 2 dameewwan 14 irratti bobbaasuuf qophiin taasifamuu.
Dameewwan kanneen keessaa ashaaraan magariisaa, hojiiwwan qonnaa, tajaajiloonni hawaasummaa isaan ijoodha.
Tajaajilli kun baranas fooyya’ee cimee akka itti fufu ibsanii, keessumaa hojiin hojjetaman qulqullinarratti akka xiyyeeffatan akka ta’anii fi ijaarsaa fi haaromsa mana manguddootaa fi akkasumas dhiiga arjoomuurratti xiyyeeffannaan addaa taasifamuu kaasaniiru.
Kana cinaattis hojiileen tola ooltummaa walitti hidhamiinsa hawaasaa cimsuun nageenya cimsuu fi fayyadama dinagdee cimsuun gamatti, dargaggoonni beekumsaa fi muuxannoo akka cimsatan faayidaa qabaachuu ibsaniiru.