Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Dirree Dawaatti hojiirra oolaa jiru imala wabii nyaata hawaasaa milkeessaa jira

Waxabajjii 12/2018 (ENA)-Dirree Dawaatti hojiirra oolmaan sagantaa ashaaraa magariisaa imala wabii nyaataa hawaasaa mirkaneessuu keessatti bu'aa qabeessa taasisaa akka jiru Biiroon Qonnaa, Bishaan, Abuudaa fi Innarjii bulchiinsichaa beeksise.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa sochii biyyaalessaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf, uwwisa bosonaa guddisuufi lafa miidhame akka dandamatu gochuuti.

Sagantaan kun waggoottan muraasa darban keessatti eegumsa naannoo dabalatee, wabii nyaataa mirkaneessuu irratti jijjiirama tarsiimawaa fidaa jira.

Bulchiinsi Dirree Dawaa gama isaatiin naannoo qilleensaa walakka-gammoojjii keessatti kan argamu waan taheef, dhiqama biyyee, hanqina roobaa fi saaxilamummaan hongeesaa ol'aanaadha.


 

Qoraatilee uumamaa kana ittisuuf, Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Innarjii bulchiinsichaa waggoottan darban keessa sagantaa ashaaraa magariisaa filannoowwan qonnaa fi bishaanii hojii irra oolan waliin qindeessuun geggeessaa tureera.

Itti aantuun hogganaa biirichaa Aadde Misraa Abdallaa ENA’f akka himanitti;waggoottan darban keessa sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan dhaabaman oomishaa fi oomishtummaan hawaasaa akka dabalu taasiseera.

Keessattuu gandoota baadiyaa bulchiinsichaa keessatti qabeenya uumamaa idilee fi hirmaannaa uummataatiin hojjetaman eegumsa qabeenya uumamaa fi misoomni sululaa sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuu dandeessiseera jedhaniiru.


Kanaanis, mukkeen bosonaa dabalataan biqiltuun muduraa dhaabaman firii kennuu eegaluusaaniin hawaasni baadiyaa galii dabalataa fi nyaata madaalawaa akka argatan dandeessiseera jedhaniiru.

Bu’aawwan kana caalaatti guddisuuf sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif biqiltuun miiliyoona 5 buufata biqiltuu 24 keessatti qophaa’uu isaa yaadachiisaniiru.

Kanneen keessaa dhibbantaa 40 biqiltuu leemmanaa fi bosonaa yoo ta'an, isaan hafan immoo kanneen nyaataf oolan ta'uu dabalatanii ibsaniiru.

Qophiin dhaabbii biqiltuu baranaa kan waggoottan darban irraa adda kan isa taasisu, haala qilleensaa fi haala ikkooloojii naannoo hordofuun kilaastaraatiin kan raawwatamu ta'uusaas beeksisaniiru


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015