Hawaasa abbaa nageenyaa gochuun hojiin naannichatti hojjetame bu’aa qabatamaa fideera - ENA Afaan Oromoo
Hawaasa abbaa nageenyaa gochuun hojiin naannichatti hojjetame bu’aa qabatamaa fideera
Waxabajjii 12/2018 (ENA) - Hawaasa abbaa nageenyaa gochuun hojiin naannoo Harariitti hojjetame bu’aa qabatamaa fiduusaa hogganaan biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii naannichaa Toofiiq Mahaammad ibsan.
Hogganaan biiroo bulchiinsa nageenyaa fi tasgabbii naannoo Hararii Toofiiq Mahaammad ibsa kennaniin, naannichatti qurmaa’insoota nageenyaa garagaraatti gargaaramuun nageenya naannichaa fulla’aa gochuuf hojii hojjetameen bu’aan argameera.
Keessumaa hawaasa caalaatti walitti dhiheessuun tokkummaa sab-daneessummaa diriirsuuf xiyyeeffatamee hojii hojjetameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uusaa eeraniiru.
Hawaasni deeggarsaa fi tumsa dhaabbilee nageenyaa waliin qabu akka gabbifatuu fi ummana abbaa nageenyaa gochuun hojii hojjetameen nagana bu’uu danda’eera jedhaniiru.