Tamsaasa Kallatti:

Adaalwwan gaarii baatii gannaa gara aragsiiftuu olaanaatti ni ceesifna-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa

Waxabajjii 12/2018(ENA)- Adaalwwan gaarii baatii gannaa gara aragsiiftuu olaanaatti ni ceesifna jechuun ibse tajaajilli komunikeeshinii mootummaa.

Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa tajaajila tola ooltummaa gannaa ilaalchisee ergaa dabarseera.

Ergaan tajaajilichaa guutuunsaa akkasiin dhihaateera-

Adaalwwan gaarii baatii gannaa gara aragsiiftuu olaanaatti ni ceesifna.

Waggoottan jjjiiramaa darban Itiyoophiyaan ganni yoo dhufu aadaawwan ijoo raawwannu lama gabbisaa dhufneerra, Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuu fi tajaajila tola ooltummaa.

Mootummaan qabeenyi bosonaa Itiyoophiyaan xiqqaachaa dhufuusaa, dhiqamni biyyoo fi  ongeef saaxilamuun dabalaa dhufuusaa hubachuun waggoottan muraasa dura sagantaa ashaaraa magariisa biqiltuu biiliyoona hedduu dhaabuudhaan eegaleera.

Itiyoophiyaanonni jalqabbii fi  hojiin gaarii kun  eessa gahuu akka danda’u hubachuunii fi kaka’umsaan hojjechuun milkaa’inoota addunyaa raajeffachiisan galmeessineerra. Adeemsa kana keessatti biqiltuuwwan nyaataaf, bosonaa fi  miidhaginaaf oolan dhaabuun ashaaraa keenya kaa’aa Aadaa Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuu gabbifanneetta.

Waggaa waggaan biqiltuu biiliyoona dhaabuun ummata addunyaa dachaa shaniin kan caalu biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabneerra, hojii Kanaan bosonni Itiyoophiyaa akka dabalu gooneerra, birmadummaa nyaataa keenyaaf bu’ura kaa’uu eegalleerra, daldala alergii muduraa daballeerra.

Bu’aa qorannoo wagga lama dura ifoomeen baay’inni bosona keenyaa xiqqaachaa dhufe si’aayinaan bayyanatee dhibbantaa 23 tuqaa 6 guddateera.

Sagantaawwan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo haala addaatiin kaka’umsa  qindaa’aa Itiyoophiyaa gaafataniin haala addunyaa hawateen miiliyoononni guyyaa tokkotti baanee dhaabuudhaan riikoordii keenya irra deddeebinee fooyyessaa dhufneerra.

Biqiltuuwwan nyaataa, bosonaa fi miidhaginaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin dhaabne Itiyoophiyaa guutummaan guutuutti kan  jijjiiran, birmadummaa nyaataa keenya kan mirkaneessa, guddina daldala alergii Abaaboo fi Muduraa jijjiiraa kan jiran akkasumas dandeettii jijjiirama haala qilleensaa kan gabbisanidha.

Kanaaf aadaan sagantaa ashaaraa magariisaa yeroo ganni dhufu sosochii uumnee hojjennu caalaatti akka cimuu fi gabbatu cimnee itti ni fufna, Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuudhaan qilleensa qulqulluu addunyaaf ni gumaachina. Baranas riikoordii keenya hirmaannaa keenyaan fooyyessinee biqiltuu biiliyoona 8 caalu nidhaabna.

Tajaajilli tola ooltumma gannaas muuxanno keenya isa haaraa guddachaa dhufedha. Dargaggoonni beekumsasaanii fi yeroo isaanii barumsarraa hafe, dureeyyiin ammoo qabeenyasaanii buusii gochuun mana harka qalleeyyii fi manguddootaa ijaaruun, maaddii qooduun muuxannoo guddaa gabbifataniiru.

Dhaabbileen mootummaas qabeenyasaanii qusannoon itti gargaaramanirraa walitti fiduun muuxannoo tola ooltummaa kana bal’isuu fi gara aadaa olaanaatti guddisaa jiru.

Barattoonni Yunivarsiitii gara naannawasaanii dhaquunii fi tajaajila tola ooltummaa daangaa bulchiinsaa cehuun quxusuusaanii barsiisaa, hojii lubbuu baraaruu kan akka dhiiga arjoomuu qindeessaa, manguddoota gargaaruun gumaacha guddaa gumaachaa jiru.

Kanaaf hojiin gaariin ashaaraa magariisaa fi hojiin tola ooltummaa yeroo gannaa gabbifachaa dhufne baranas karoorri hirmaannaa Kanaan duraa caalaa gaafatu karoorfameerra qophiinis taasifameera.

Humna ida’ameen karoora itiyoophiyaa milkeessuuf qophii xumurree hojiitti galleerra. Gammachuu keenyas waliin kan ibsannu ta’a.

Tajaajila komunikeeshinii mootummaa FRDI

Caamsaa 12 bara 2018

Finfinnee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015