Tamsaasa Kallatti:

Sosochii ashaaraa magariisaa – dippilomaasii ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa adda duree godhe

Sosochiin “ashaaraa magariisaa” Itiyoophiyaan waggoottan darban raawwatte galma biyyaalessaa damdamannaa jijjiirama haala qilleensaa biyyattiin qabate milkeessuurra darbee, Itiyoophiyaan gama dippilomaasii magariisaatiin waltajjii Afriikaa fi idil addunyaarratti adda duree akka taatu godheera.

Duulli guddaan eegumsa uumamaa kun madaallii naannawaa biyya keessaa eeguurra darbee, walitti hidhamiinsa dippilomaasii daangaa cehu kan cimsu meeshaa tarsiimawaa amma ta’utti gaheera.

Muuxannoon kun kan agarsiisu sosochiin ashaaraa magariisaa sagantaa misooma bosonaa barame qofa osoo hin taane, Itiyoophiyaan Afriikaa bahaa fi kanaa olittis kan mul’atu jijjiirama haala qilleensaa fi babal’ina gammoojjummaaf furmaata qabatamaa qabattee kan itti dhihaatte ta’uusaati.

Sosochiin ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa biyyoonni sosochii ummataatiin biqiltuu dhaabuu fi akka qabatan gochuun raawwii imaammataa milkaa’aa kana muuxannoo kan irraa fudhatanidha.

Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin kan biyya keessaan ala Jibutii, Sudaan Kibbaa,Naayijeeriyaa fi Ruwaandaa dabalatee biyyoota Afriikaa biroof biqiltuu ergiteetti.

Ashaaraan magariisaa kun miira wal gargaarsaa paan Afriikaa kan agarsiisuu fi dhimmichi ajandaa Adriikaa ta’aa dhufuusaa kan agarsiisu yoo ta’u, Afriikaanonni eegumsa naannootiin tumsa fulla’aa uumuu akka qaban kan hubachiisudha.

Ashaaraa magariisaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalameen biqiltuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabamaniiru.

Ashaaraan magariisaa deebii mandhalee jijjiirama haala qilleensaa Afriikaaf kennaman keessaa isa ijoodha.

Baranas sosochii biyyaalessaa biqiltuu biiliyoona saddet dhaabuuf galma qabame milkeessuuf taasifamu irratti Itiyoophiyaan kutaa hawaasaa kamiyyuu keessatti argaman hojiirra oolmaasaaf akka tumsa ministirri muummee dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015