Sagantaa Ashaaraa Magariisaa magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jira
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kana magaalaa Shaggar keessatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.
Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Dajanee Baqqalaa ENAtti himanitti,sagantaalee Asharaa Magariisaa kanaan dura hojjetamaniin bu’aaleen hedduu argamuu eeruun, jijjiirama qilleensaa ittisuu, biyyee fi bishaan kunuunsuu fi faayidaa dinagdee biroo galmaan ga’amaniiru jedhani.
Sagantaan kun omishaafi oomishtummaa guddisuufis gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan.
Bara 2015 keessa uwwisni bosona magaalattii dhibbeentaa 11 qofa akka ture eeruun, hojii hawaasa hirmaachisuun hojjetameen amma uwwisni bosona gara dhibbeentaa 21tti ol guddisuun akka danda’ame yaadachiisaniiru.
Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota fuduraalee haala qilleensa magaalichaaf mijatoo ta’aniif xiyyeeffannaan addaa akka kennames hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan biqiltuun firii kan akka appilii, avokaadoo, burtukaanaa fi loomii bal’inaan dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru.
Walumaagalatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin lafa heektaara kuma 1 fi 200 ol irratti biqiltuu fuduraafi muduraa dhaabuuf hojiin qophii hojjetamaa jira jedhan.
Waggoota darbanitti jiraattonni magaalichaa naannoo mana jireenyaa isaaniitti biqiltuu fuduraafi muduraa akka dhaabanii irraa fayyadamoo ta’an leenjiin walitti fufiinsa qabu kennamaa turuus eeraniiru.
Yeroo ammaa kana hawaasni mootummaa waliin ta’uun qabiyyee mootummaa fi dhuunfaa irratti, akkasumas naannoo kuduraa fi muduraa fi miidhaginaaf mijatutti boolla dhaabbii qopheessuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo