Tamsaasa Kallatti:

Duudhaalee waliin jireenyaa ijaarsa nageenyaaf oolchuudhaan waldanda’uu fi walitti dhufeenya ummattootaa gabbisuu barbaachisa

Waxabajjii 11/2018(ENA)- Duudhaalee waliin jireenyaa ijaarsa nageenyaaf oolchuudhaan waldanda’uu fi walitti dhufeenya ummattootaa gabbisuun akka barbaachisu de’eetaan ministira nageenyaa Dr. Keyiraddiin Tazarraaibsan.


Ministeerri nageenyaa abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “qoodni dhaabbilee miidiyaa ijaarsa nageenyaaf” jedhuun hoggantootaa fi ogeessota miidiyaalee waliin magaalaa Hawaasaatti marii gaggeesseera.

De’eetaan ministira nageenyaa Dr. Keyiraddiin Tazarraa maricharratti akka jedhanitti, nageenya cimsuuf qoodni dhaabbilee miidiyaa olaanaadha.

Akka biyyaatti duudhaalee keenya ijaarsa nageenyaaf oolchuun wal danda’uu fi walitti dhiheenya ummataa gabbisuun akka barbaachisu ibsaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015