Naannichatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise
Waxabajjii 11/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti inisheetiiviin misooma dammaa hojirra oolaa jiruun bu'aan abdachiisaan argamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksiseera.
Biirichi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee wajjiin qindoomuun leenjii danddeettii raawwachiisummaa kennuun, meeshaalee oomisha dammaatiif oolan qonnaan bultoota adda duree godinoota Baaleefii Baalee Bahaatiif magaalaa Roobetti kennee jira.
Saganticharratti kan argaman Biiroo Qonna Oromiyaatti qindeessaan innisheetiivii misooma dammaa Dr. Toleeraa Kumsa akka jedhanitti, Mootummaa naanichaa innisheetiivii misooma dammaa lafa qabsiisuun qonnaan bultoota fayyadamoo taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin hojjachaa jiraachuu dubbatan.
Hojiilee misooma dammaa babal'isuuf baroottan dabran keessa hojjatameen gaagurri hammayyaa bara 2013 keessa kuma 47 hin caalle yeroo ammaatti gara miiliyoona 3 tuqaa 2 olguddisuu dandahamuu yaadachiisan.
Fayyadamtoota oomisha dammaa kuma 50 irra turan gara kuma 640 ol guddisuu dandahamuus akeekan.
Oomisha dammaa godinaalee naannichaa 15 keessatti oomishamaa jiruun meetriik toonii 179 irraan gahuun dandahamuus dubbatan.
Sochii inisheetiivii misooma dammaa daran lafa qabsiisuun qonnaan bulaa damee kanarraa fayyadamaa taasisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin qindoominaan hojjachaa jiraachuu himuun; sochiin hojii pirojektii hammataa fi fulla'aa sona funcaalees qaamuma carraaqqii kanaa tahuu dubbatan.
Biiroo Qonna Oromiyaatti Ogeessi Pirojektii hammataa fi fulla'aa misooma sona funcaalee Obbo Addisuu Sabsibee gama isaaniitiin, pirojektichi carraaqqii mootummaan inisheetivii dammaa milkeessuuf taasisaa jiru akka milkaa'uuf deeggarsa leenjii fi meeshaalee oomishtummaa dammaa dabalan qonnaan bultootaaf taasisaa jiraachuu dubbatan.
Meeshaaleen qonnaan bultoota fi waldaalee aanaalee godinoota lamaanii filatamaniif taasifaman keessaa gaagura ammayyaa 50, meeshaalee qulqullina dammaa eeguuf oolan gosa 10 tilmaama birrii kuma 700 ol baasuuun raabsames kanuma bu'ura godhachuu akeekan.
Pirojektichi deeggarsa misoomaafii walitti hidhamiinsa waldaalee,Yuuniyeenotaafii qonnaan bultootaarrattis xiyyeeffannoon kan hojjatu ta'uus Obbo Addisuun himan.
Waajjira Qonnaa Godina Baaleetti Ogeessi misooma dammaa Obbo Lataa Itichaa gama isaaniitiin, godinichatti gaagurra hammayyaa kuma 85 ol raabsuun dandahamuu dubbatan.
Godinichatti gaagura dammaa dhiheenna raabsamaniif isaan duraan jiran irraa bara kana qofa damma toonii kuma 11 ol oomishuun dandahamuus dubbatan.
Qonnaan bultoonni leenjiifi deeggarsa meeshaalee qulqullina misoomaa dammaatiif oolan argatan hojii gama kanaan hojjataa turan hammayyeessuun daran bu'a qabeessa ta'uuf waan isaan qarqaaruuf galateeffatan.