Tajaajilli Tola Ooltummaa Gannaa namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun dabalatatti misooma biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Tola Ooltummaa Gannaa namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun dabalatatti misooma biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa qaba
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa Gannaa kun namoota rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun cinatti, guddina biyyaalessaa saffisiisuun, akkasumas namoota gidduutti walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa uumuun faayidaa qaba jedhan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tajaajila tola ooltummaa Ganna baranaa naannoo Oromiyaa Godina Kibba Lixa Shawaa aanaa Goorootti har’a ifatti eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummee sirna jalqabsiisa kanarratti akka himanitti, tajaajilli tola ooltummaa Gannaa lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun dabalatatti guddina biyyaalessaa saffisiisuun, akkasumas namoota gidduutti walitti dhufeenya hawaasummaa cimaa uumuudhaan faayidaa guddaa qaba jedhan.
Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa kun irra caalaa suphaa, haaromsuu fi ijaarsa manneen haaraa namoota rakkoof saaxilamoo fi carraa hin qabneef kan hammatu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis, biqiltuu fuduraalee fi muduraa dhaabuun hojiiwwan eegumsa naannoo xiyyeeffannoo guddaadhaan kan raawwataman ta’uu ibsaniiru.
Hojiilee humna hawaasaan ijaaraman,daandiiwwan baadiyyaa, riqicha gandoota wal quunnamsiisu, manneen qorichaa fi keellaawwan fayyaa ta’uu dubataniiru.
Waggoota shanii hanga jaha darban keessatti manneen barnootaa daa’immanii gara kuma 35 ta’an tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramuun daa’imman miliyoona 4 ol fayyadamoo ta’uu eeraniiru.
Kunis daa’imman gara mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti osoo hin ce’iin dura beekumsa bu’uuraa, aadaa fi hariiroon hawaasummaa akka guddatuu fi sadarkaa barnoota addaan kutuu hir’isuuf gumaacha guddaa taasisaa jira jedhan.
Badhaadhinni biyyattii baajata mootummaa fi dandeettii faayinaansii qofaan mirkanaa'uu akka hin dandeenyes Ministirri Muummee ibsaniiru.
Badhaadhinni kan mirkanaa'u humni, qabeenyaafi beekumsi ummataa karoora mootummaa waliin walsimsiisuun yeroo itti fayyadamuu danda'amu ta'uu eeruun, haala kanaan rakkoolee hedduu hiikuun akka danda'amu ibsaniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa Gannaa sochii biyyaalessaa guddaa namoota miliyoona 20 hanga 30 kan hirmaachisu ta’uu eeruun Ministirri Muummee, dargaggoonni carraa kanatti fayyadamuu akka qaban ibsaniiru.
Dargaggoonnis aadaa,safuufi seenaa barsiisuun barnoota dabalataa kennuun lammiilee cinaa dhaabachuu akka qaban dhaamaniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo