Qormaanni naannoo barattoota kutaa saddeetffaa Naannoo Oromiyaatti kennamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Qormaanni naannoo barattoota kutaa saddeetffaa Naannoo Oromiyaatti kennamaa jira
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Qormaanni naannoo barattoota kutaa saddeetffaa Naannoo Oromiyaa har’a eegalameera.
Qormaanni kun har'a ganama sa'aatii 3:00 irraa eegalee naannichatti kennamaa kan jiru yoo ta'u, barattoonni kuma 430 ol qormaata fudhachaa akka jiran Biiroon Barnoota Naannichaa beeksise.
Qormaanni naannoo har'a dabalatee guyyoota lamaaf walitti aansuun akka kennamus beeksifameera.
#TOI #ENA Afaan Oromoo