Tamsaasa Kallatti:

Qabxii barattootaa fooyyessuuf hojiileen naannichatti hojjetaman bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiru

Waxabajjii 11/2018(ENA)- Qabxii barattootaa fooyyessuuf hojiileen naannoo Harariitti hojjetaman bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuu pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan.

Qormaanni kutaa 8ffaa sadarkaa naannootti kennamu naannoo Harariitti kennamuu eegaleera.

Naannoon Hararii sirna qormaataa haaraatiin barattoota dabarsuu fi qulqullina barnootaa walii galaa guddisuuf qormaattota dabalataa garagaraa fi sagantaalee keessa deebii hojiirra oolchaa tureera.


Pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii qormaata kutaa 8ffaa naannichatti kennamu har’a wayita jalqabsiisan akka jedhanitti, qabxii barattootaa naannichaa fooyyessuuf hojiileen hedduun hojjetamaniiru.

Hojii hojjetamaniinis qabxiiwwan fooyyee galmaa’uusaanii ibsanii, hirmaannaa barumsaa, qulqullinaa fi qabxii barattootaa gabbisuun cimee itti fufa jedhaniiru.


Hogganaan biiroo barnootaa naannichaa Geetuu Nagawoo gamasaaniin, qormaata kanaaf qophiin barbaachisu gohamaa tureera jedhan.

Magaalaa fi baadiyyaa naannichaatti walumaa gala buufataaleen qormaataa 30 kan qophaa’an yoo ta’u, barattoonni kuma 4 fi 614 qormaatarra akka jiran dubbataniiru.

Barattoota qormaataaf ga’oomsuu fi qabxiisaanii fooyyessuuf biirichi xiyyeeffatee hojjechaa akka ture yaadachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015