Tamsaasa Kallatti:

Qormaanni kutaa 8ffaa Sadarkaa magalaatti Finfinneetti kennamuu eegale

Waxabajjii 11/2018 (ENA)-Qormaanni kutaa 8ffaa sadarkaa magaalaatti Finfinneetti kennamaa jira.

Rippoortarri ENA Manneen Barnootaa Kokaba Tsibaah Sadarkaa duraa fi giddu-galeessaa fi Gullallee Faanaatti argamuun haala jalqabbii qormaatichaa  ilaalchisuun daawwannaa taasisaniiru.



Yeroo daawwannaa kanaattis, ganama irraa eegalee barattoonni, barsiisonnii fi suparvaayizaroonni bakka qoramaataatti argamuu isaanii hubataniiru.

Adeemsi qormaata manneen barnootaa kanneen keessatti eegalame haala gaariin deemaa kan jiru yoo ta'u, barattoonnis qormaatasaanii fudhataa akka jiran daawatameera.

Biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bara barnootaa kana keessa barattoonni kutaa 8ffaa kuma 86 ol qormaata sadarkaa magalaalli akka fudhatan ibsuun isaa ni yaadatama.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015