Mariisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaaf leenjiin hubannoo fi ogummaa kennamuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Mariisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaaf leenjiin hubannoo fi ogummaa kennamuu eegale
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Komishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa marisistoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaatiif leenjii hubannoo fi ogummaa kennuu eegaleera.
Leenjiin mariisistootaaf kennamu kun Finfinneetti gaggeeffamaa jiru kun Waxabajjii 11 hanga 17, 2018tti guyyoota torbaaf akka turu gabaafameera.
Baniinsa leenjichaa irratti argamuun akka ibsanitti Komishinarri Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa sagantaan leenjii kun imala Itiyoophiyaan garaagarummaa jiru mariin, iftoominaa fi waliigalteen itti furamu ijaaruuf taasiftuuf milkaa’ina guddaa fi boqonnaa biraati jedhani.
Mariisistoonni itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa kana amanamummaadhaan kan baatan imaanaa ta’uu hubachiisuun, namoota seenaa hojjetan waliin ta’uun egeree hawaasummaa, ummataa fi dimokiraatawaa biyyattii ijaaran ta’anii of ilaaluu akka qabanis dhaamaniiru.
Leenjiin kun hirmaattonni beekumsa, dandeettii fi duudhaalee marii ulfina lammii Itiyoophiyaa hunda kabaju hoogganuu fi hawwii waloo nagaa, haqaa fi tokkummaa isaanii galmaan ga’uuf isaan dandeessisu akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.
Hirmaattonni hundinuu yeroo konfiraansii kanaa dubbachuu fi hirmaachuuf carraa walqixa akka argatan gochuu, waliigaltee dhabuu yeroo marii uumamu sirnaan bulchuu, akkasumas mariin kun hubannoo walootti akka geessu karaa agarsiisuutu irraa eegama.
Akkasumas hirmaattonni imaanaa sabaa guddaa kana namuusaan, loogii malee fi obsaan akka raawwatan dhaamaniiru.
#TOI #ENA Afaan Oromoo