Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti dargaggoonni maaddii guutuurratti hirmaatan bu’aa argachaa jiru

Waxabajjii 11/2018(NA)- Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti dargaggoonni maaddii guutuurratti hirmaatan bu’aa argachaa akka jiran dubbatan.

Guyyaa sagantaan maaddii guutuun eegalamee kaasee lammiileen godina Jimmaa hedduun fayyadamoo akka ta’an ibsameera.

Godina Jimmaa aanaa Cooraa Botor kan jiraatan dargaggoo Ashannaafii Baagiiddoo fi hiriyoonnisaa gurmaa’anii lukkuu horsiisuun bu’aa argataniiru.

Deeggarsa mootummaan isaanii godheen sagantaa maaddii guutuu jalatti lukkuu horsiisaa kan jiran dargaggoonni kun yeroo ammaa guyyaatti hanqaaquu kuma 1 ol gabaaf dhiheessaa akka jiran dargaggoo Ashannaafii ibseera.

Marsaa jalqabaa qofaan yeroo gabaabaa keessatti birri kuma 100 ol qusachuusaanii ibsaniiru.

Jiraataan aanichaa dargaggoo Abdullaaqii Adam muuzii oomishuudhaan akka milkaa’e dubbateera.

Sanyii muuzii fooyya’aa ogeeyyiin qonnaa dhiheessaniif akkasumas gorsa ogeeyyiitti gargaaramuun oomisha gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera.

Galii argatuun maatii bulfachuurra darbee dargaggoota naannawaaf carraa hojii dabalataa uumuusaa ibseera.

Dargaggoo Huseen Abbaaduraa fi hiriyaansaa aanaa Limmuu Kossaatti barana loon gabbisanii bu’aa argachaa akka jiran dubbatu.

Carraa hojii bulchiinsi magaalaa nuuf uumeen ofirra darbinee namoota biroofillee carraa hojii uumneerra jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Jimmaa Tiijaanii Tamaam akka ibsanitti, fayyadamtoonni maaddii guutuu godinichatti wagga waggaan dabalaa dhufaniiru.

Horsiifni qurxummii fi loonii, kanniisa horsiisuun, kuduraa fi muduraan akkasumas horsiifni lukkuu dameelee ijoo sagantichaati jedhaniiru.

Barana godinichatti namoota kuma 314 maaddii guutuutti akka hirmaatan karoorfamee karooraa ol namoota kuma 339 caalan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015