Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaa Godina Wallaga Lixaatti Misooma muduraa babal’isuun faayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira

Waxabajjii 11/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Wallaga lixaatti misooma bunaa cinaatti misooma muduraa babal’isuun faayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa akka jiru Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Godinichatti bara baajataa kanaan muduraa kuntaalli miiliyoona 2 tuqaa3 ol walitti qabamuun ibsameera.


 

Waajjirichatti ogeessi misooma muduraa Obbo Jibriil Mangee akka jedhanitti, godinichi misooma bunaa bal’inaan beekamu cinaatti, misooma muduraatiin faayidaa qonnaan bulaa mirkaneessuu kan dandeessisan hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiru.

Misoomni muduraa waggoottan dhiyoo asitti hojiirra oole aadaa hojii qonnaan bulaa jijjiiruu keessatti bu’aa abdachiisaa fiduu isaas dubbataniiru.

Misoomichi wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna soorataa fooyyessuu keessatti gahee guddaa akka qabu eeranii; kanaan walqabatee sochiin sadarkaa sadarkaan taassifamaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Yeroo ammaa kanatti lafti hektaara kuma 41 ta'u oomisha muduraa kennuu danda'u sadarkaa dandeessisurra kan gahe yoo ta'u, kanaanis oomishni muduraa kuntaalii miiliyoona 2 fi kuma 399 fi 710 walitti qabamee gabaaf dhiyaateera jedhaniiru.

Oomishaalee muduraa gabaaf dhiyaatan keessaa Ananaasii, Muzii, Maangoo, avokaadoo, paappaayaa fi burtukaanni isaan ijoo akka ta'an ibsuun; keessattuu oomishni avokaadoo fooyya'aan gabaa alaatiif kan dhiyaatu waan ta'eef, faayidaan qonnaan bulaa naannichaa guddachaa dhufuu isaa dubbataniiru.

Bara kanas faayidaa qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf misoomicha sagantaa Ashaaraa Magariisaa waliin qindeessuun biqiltuuwwan muduraa baay'inaa fi qulqullinaan dhabbiif qophaa’aa jiraachuun ibsameera.

Qonnaan-bulaan Aanaa Laalloo Asaabii misooma kana keessatti hirmaatan Taarraqaa Jireenyaa, kanaan dura jireenyaa fi galii isaanii misooma bunaa qofa irratti hirkataa akka turan yaadachiisaniiru.

Keessattuu, mootummaan biqiltuu muduraa fi sanyii filatamaa mijeesseefitti fayyadamanii hojii kanaatti seenuu fi bu'aa qabeessa ta'uu isaanii ibsaniiru.

Yeroo ammaa kanatti qabiyyee lafa isaanii irratti Muzii, Avokaadoo fi Ananaasii misoomsuun waggatti galii gaarii argachaa akka jiran dubbataniiru.

Qonnaan bulaan Aanaa Hoomaa kan biraan Garramuu Jiruu gama isaaniitiin giddugala qorannoo qonnaarraa sanyii muzii fooyya'aa bahe misoomsuun fayyadamaa ta'uu isaanii ibsaniiru.

Oomishicha gabaa naannichaatiif dhiyeessuun marsaa tokkoon hanga qarshii kuma 30 galii argachaa akka jiran eeranii; gara fuulduraattis misoomicha cimsuun avokaadoo fi muzii bal'inaan misoomsuuf karoorfachuu isaanii beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015