Misoomni koridaraa miidhagina Dirree Dhawaa dhokatee ture mul’isuun magaalittii wiirtuu daldalaa fi mana jireenyaaf filatamtuu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Misoomni koridaraa miidhagina Dirree Dhawaa dhokatee ture mul’isuun magaalittii wiirtuu daldalaa fi mana jireenyaaf filatamtuu taasiseera
Waxabajjii 11/2018 (ENA): Misoomni koridaraa miidhagina Dirree Dhawaa dhokatee ture mul’isuun magaalittii wiirtuu daldalaa fi mana jireenyaaf filatamtuu taasiseera jedhan hoggantoonni magaalittii fi jiraattonni ENA’n dubbise.
Magaalaa Dirree Dhawaatti kan argaman ijaarsi gamoowwan durii, ijaarsi addaa ogummaan ijaaramanii fi aadaan uummata ishee hawwata turizimii ta'uun beekama.
Misoomni koridaraa kun yeroo ammaa magaalota gurguddoo biyyattii keessatti xiyyeeffannoo addaa mootummaatiin hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, bifa magaalattii ammayyeessuun, daandiiwwan ishee babal’isuu fi jiraattotaaf haala mijataa uumuun jijjiirama guddaa fidaa jira.
Misoomni koridarii kun eenyummaa seenaa Dirree Dhawaa kunuunsuun damee invastimantii fi turizimiitiif kaka’umsa haaraa uumuu akka danda’e hoggantoonni naannoo fi jiraattonni ibsaniiru.
Misoomni koridarii kallattii shaniin gaggeeffame bifaafi bareedina magaalichaa guddiseera jedhan Waajjira Pirojektii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Qindeessaan Misooma Koridarii obbo Wondasan Janbaree.
Hojiileen misooma koriidaraa haala Hambaalee fi qabeenya seenaa magaalattii giddugala godhachuun waan hojjetamaniif, magaalattiin wiirtuu jireenyaa fi hojiif mijattuu akka taatu taasiseera jedhani.
Daandiiwwan ammayyaa, wiirtuuwwan bashannanaa fi bu’uuraaleen misoomaa biroo misooma koridarii keessatti hammatamanis Dirree Dhawaa caalaatti bakka invastimantii taasisuu isaanii ibsaniiru.
Itti Aantuun Hoggantuun Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Bulchiinsaa Aadde Naayimaa Ibraahim akka jedhanitti, misoomni koridarii kun qabeenya namtolchee fi uumamaa iddoo turizimii ta'e daran guddiseera.
Keessattuu, misoomni kun buufata baaburaa seena qabeessa magaalaa Dirree Dhawaaf bu'uura kaa'ee fi bakka gahumsa turistii ta'ee tajaajilaa jiru waliin qindeessuun ijaarame kun hambaa kana tuuristootaaf hawwataa taasisaa jira.
Bakkeewwan turizimii bira darbee jiraattota sochii diinagdee waliin walitti hidhuu fi cimsuuf haala mijataa uumeera jedhan.
Sheek Abdoo Umer gama isaaniin akka himanitti, misoomni koridarii kun miidhagina Dirree Dhawaa dhokatee ture mul’isuun jiraattotaaf gamachuu uumeemera jedhani.
Jiraataan biraa obbo Habtaamuu Asaffaa akka himanitti, misoomni koridarii kun daandii asfaaltii, daandii miilaa fi biskileetii magaalittii babal’isuun, dhiphina tiraafikaa fi balaa hir’isuun gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan.
Keessattuu iddoowwan bashannanaa fi magariisaa uumaman fedhii maanguddootaa fi daa’immaniif deebii kan kennan yoo ta’u, walitti dhufeenya hawaasummaa akka guddisan dubbataniiru.
Bulchiinsi magaalichaa hojiiwwan misooma koridarii hojjechaa jiruun, dabalataan dhaabbileen dhuunfaa birrii biliyoona tokkoo oliin magaalittii hojii magaalittii miidhagsuufi haaromsuu irratti hirmaachaa jiraachuu odeeffannoon Waajjira Pirojektii fi Misooma Koridarii bulchiinsa magaalichaa irraa argame ni mul’isa.