Cehumsi aangoo marsaa 71ffaa sirna Gadaa Tuulamaa gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Cehumsi aangoo marsaa 71ffaa sirna Gadaa Tuulamaa gaggeeffamaa jira
Waxabajjii 6/2018(ENA)- Cehumsi aangoo marsaa 71ffaa sirna Gadaa Tuulamaa bakka addaa Dhakaa Koraa jedhamutti gaggeeffamaa jira.
Xumurri wal harkaa fuudhinsaa aangoo guyyaa boruu bakka addaa Dhakaa Koraa jedhamutti bakka qaamoleen addaddaa argamanitti wal harkaa fuudhinsi Alangaa ni gaggeeffama.
Sirni Gadaa Oromoo bara dheeraaf kaan fulla’ee fi hambaa addunyaan dinqisiifate yoo ta’u, sirni kun aadaa, duudhaa fi naamusa hawaasaa eegee dhalootatti cehuun shoora guddaa bahachaa jira.
Yeroo ammaa cehumsa aangoo marsaa 71ffaa sirna Gadaa Tuulamaa Gadaa Malbaarraa gara Gadaa Muudanaatti dabarsuuf dhakaa Koraa bakka jedhamutti sirnoonni aadaa gaggeeffamaa jiru.
Sirna kanarratti qaamolee aangoo fudhataniif Bokkuu ykn Ulee fi alangaa ni fudhatu.
Komunikeeshinii naannichaatu gabaase
See less