Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti dhiheessii qorichaa fooyyessuun fedhii hawaasaa guutuuf xiyyeeffatameera

Waxabajjii 6/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti dhiheessii qorichaa fooyyessuun fedhii hawaasaa guutuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru biiroon fayyaa naannichaa ibse.

Tajaajilli dhiheessii qorichaa Itiyoophiyaa qooda fudhattoota godinaalee Wallaggaa arfanii fi naannoo Beeniishaangul Gumuz godina Kaamaashii waliin dhiheessii qorichaa ilaalchisee magaalaa Naqamteetti mari’ateera.

Biiroo fayyaa Oromiyaatti hogganaan damee dhiheessii qorichaa fi meeshaalee wal’aansaa Tuujubaa Addiinoo akka ibsanitti, dhiheessii qorichaa fooyyeessuudhaan, kenniinsa tajaajila fayyaa ammayyeessuun hojmaanni dijitaalaa hojiirra oolaa jira.

Kun ammoo fedhii, kuusaa fi dhiheessii qorichaa dhaabbilee keessa jiru sirnaan adda baasuun dhiheessiisaa guddisuuf deeggaraa akka jiru ibsaniiru.

Biirichi dhiheessii qorichaa fi meeshaalee wal’aansaa caalaatti guddisuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan dabalanii dubbataniiru.

Hogganaan tajaajila dhiheessii qorichaa Itiyoophiyaa damee Naqamtee Gammachuu Fiqruu gamasaaniin, qorichi barbaachisu dhihaachaa jiraachuu dubbataniiru.

Waajjirri damee lixa Oromiyaatti qofaasaa kan dhiheessu waan ta’eef qoricha murteessaa ta’an dhiheessaa akka jiru himaniiru.

Dhaabbatichi buufataalee fayyaa 268 fi Hoospitaalota 23 naannichatti argaman keessatti tajaajila kennaa akka jiru kaasaniiru.

Bakka bu’aan Hospitaala Dambii Doolloo Addisuu Atoomsaa gamasaaniin, baasii birrii miiliyoona 50 caaluun bituun jiraattota naannawichaaf dhiheessuun hawaasaaf aara galfii kennuusaa dubbataniiru.

Ogeessi kutaa dhiheessii Hospitaala Shaambuu Bilisummaa Tafarraa gamasaaniin, Hospitaalichatti fedhii qorichaa hawaasaa guutuuf tattaaffiin godhamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015