Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan biyya aadaa, seenaa fi hambaan badhaatuu qabdu ta'uu daawwannaa keenyaan mirkaneessineerra

Waxabajjii 6/2018 (ENA): Miseensonni Garee Kubbaa Miilaa Dippilomaasii Finfinneetti argaman Itiyoophiyaan biyya aadaa, seenaa fi hambaa badhaadhaa qabdu ta’uu daawwannaa isaanii kanaan kan mirkaneessan ta’uu ibsani.


 

Komishiniin Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Ispoortiin teessuma magaalattii fi bakkeewwan turizimii addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa akka qabu beeksise.

Waancaa addunyaa 2026 sababeeffachuun Dorgommiin kubbaa miilaa dippilomaatota biyyoota adda addaa magaalaa Finfinneetti Imbaasiiwwanii fi dhaabbileen idil-addunyaa argaman irratti hirmaatan jalqabeera.

Miseensonni Garee Kubbaa Miilaa Dippilomaatotaa kunniin dorgommii kanarratti hirmaatan, akkasumas keessummoonni biyyoota irraa waancaa dorgommichaa qopheessanii fidanii dhufan hawwata turizimii gurguddoo magaalattii daawwataniiru.

Keessummoonni kunneen turtii isaanii Gola hambaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Yaadannoo Injifannoo Adawaa fi Paarkii Ispoortii Finfinnee keessatti aadaa, seenaa fi biyyattiin hambaaleedhaan kan badhaate ta’uu arguu raga bahaniiru.

Daawwannaa kanarratti yaada isaanii kan kennan Ingilaandii irraa Maarki Heeyis, daawwannaan kun waa’ee Itiyoophiyaa waan haaraa hedduu akka hubataniif akka isaan gargaare dubbatani.

Waldaa Kubbaa Miilaa Ingilizii irraa yeroo jalqabaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufan Gordon Joonsan, walitti dhufeenya ummataa, wal-qunnamtii, wal-kabajaa fi aadaa keessummaa simachuu Itiyoophiyaa keessatti argan akka dinqisiifatan dubbataniiru.

Hambaan Golahambaa Biyyaalessaatti argan biyya qaroomina durii qofa osoo hin taane iddoo dhalli namaa ka’umsa isaa itti mirkaneesse ta’uus eeraniiru.

Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti kan hojjetan lammii Ugaandaa Jooseef Kirulee, daawwannaa kanarraa waa’ee seenaa Itiyoophiyaa, ka’umsa dhala namaa fi seenaa injifannoo weerartoota irratti qabdu irratti beekumsa olaanaa akka argatan dubbataniiru.

Kaameeruun irraa Looyis Koovaamoo Itiyoophiyaan hawwii faashistootaa fashaleessuun seenaa dheeraa akka qabduu fi yeroo ammaa daandii guddinaa olaanaa irra akka jirtu hubachiisaniiru.

Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinneetti Daarektarri Gabaa fi Piroomooshinii Dijitaalaa Fireehiwot Gabramadin akka himanitti, Finfinneen qophiilee idil-addunyaa fi ardiilee qopheessaa jirti jedhani.

Keessummoota walga’ii fi konfiraansii adda addaaf gara magaalatti dhufaniif teessuma magaalattii fi hawwata nam-tolchee fi seena qabeessa ta’e beeksisuun guddina waliigalaa biyyattiif murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Turizimiin ispoortii lammiilee ciccimoo uumuu bira darbee kutaalee hawaasaa adda addaa walitti hidhuun walitti dhufeenya ummataa cimsuu fi teessuma magaalattii addunyaaf beeksisuuf gahee guddaa akka qabu ibsaniiru.

Sagantaan dorgommii kubbaa miilaa dippilomaatotaa fi daawwannaan komishinichi qopheesse, kana yaada keessa galchuun qaama galma guddaa kanaa ta’uu beeksisaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015