Ijaarsi pirojektii misooma qarqara haroo Hawaasaa eegale - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi pirojektii misooma qarqara haroo Hawaasaa eegale
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Hawaasaa Pirojektiin Misooma Haroo Hawaasaa bu’uuraalee misoomaa adda addaa kan ijaaru ta’uu beeksiseera.
Sagantaan eegalchiisa ijaarsa pirojektii misooma qarqara lagaa Hawaasaa gaggeeffamaa jira.
Pirojektichi miidhagina uumamaa Haroo Hawaasaa bu'uraalee misooma turizimii ammayyaa waliin qindoomsuun, guddina diinagdee magaalattiif gumaacha olaanaa qabaata jedhameera.
Piroojektiin qarqara lagaa ku baasi Birrii Biiliyoona 3.2 kan ijaaramu yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa fi jiraattoonni magaalichaa kan hirmaatan ta’uun eerameera.
Pirojektiin Misooma Haroo Hawaasaa marsaan jalqabaa Fiqir haayiqii(Haroo Jaalala), Amooraa Gadal fi Gabaa Qurxummii of keessatti qabata.
Misoomni qarqara haroo kanaa ifatti har’a ijaarsi isaa kan eelame yoo ta’u, gaafa xumuramu wiirtuu bashannanaa guddicha naannichaa akka ta’u himameera.
Sadarkaa itti aanaa kantiibaa magaalaa Hawaasaatti, Itti gaafatamaan kutaa misooma magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa Injinar Cheerinnat Filaatee waa’ee pirojektichaa ENAtti akka himanitti,ijaarsi pirojektichaa tajaajiloota adda addaa kan hammate ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi pirojektichaa manneen nyaataa(reestoraantii), suuqii, bakka irra dhaabbatanii dawatan,bakka qurxummii kiyyeessan, bakka walga’ii ummataa, bakka bishaan lolaa calalu, daandii biskileetii fi miilaa qarqara haroo fi kanneen biroo kan hammate ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas pirojektiin misooma qarqara haroo kun ji’a jaha keessatti xumuramee tajaajilaaf kan qophaa’u ta’uu ibsuun, ijaarsi kun lammiilee kuma 1 ol ta’aniif carraa hojii akka uumu ibsaniiru.
Bishaan Gurraacha irraa kaasee hanga gaara Taaboritti misoomni qarqara haroo kiiloo meetira 12 akka hojjetamus eeraniiru.
Sagantaa jalqabsiisa piroojektii kanarratti , Pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedamoo, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Bayyanaa , hoggantoonni olaanoo naannichaa fi magaalichaa biroo, abbootiin qabeenyaa, ogeeyyiin fi kutaaleen hawaasaa adda addaa argamaniiru.