Birmadummaa damee fayyaa mirkaneessuun gahumsa olaanaan hoogganuuf hojiin komunikeeshinii cimuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Birmadummaa damee fayyaa mirkaneessuun gahumsa olaanaan hoogganuuf hojiin komunikeeshinii cimuu qaba
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Birmadummaa damee fayyaa mirkaneessuun gahumsa olaanaan hoogganuuf hojiin komunikeeshinii cimuu qaba jedhan hoggantoonni hojii mootummaa.
Ministeerri Fayyaa Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa waliin ta’uun mata duree “Komunikeeshinii bu’a qabeessa ijaarsa Sirna Fayyaa Cimaaf” jedhuun waltajjii leenjii gaggeessaa jira.
Sagantaan leenjii hoggantootaa fi ogeessota komunikeeshinii Ministeera Fayyaa fi dhaabbilee dhimmi ilaallatu Akkaadaamii Gahumsa Hooggansa Afrikaatti Waxabajjii 5 hanga 7, 2018tti kan adeemsifamu ta’a.
Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa, Hogganaa Damee Hariiroo Hawaasaa fi Idil Addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa, Ministiroonni Mootummaa, hoggantoota dhaabbilee itti gaafatamummaa Ministeera Fayyaa fi qondaaltonni hariiroo hawaasaa argamaniiru.
Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka ibsanitti, Walqunnamtiin milkaa’aan mallattoo geggeessaa bu’a qabeessa ta’eedha jedhani.
Ji’oo-siyaasaa fi sirna ikoo fayyaa jijjiiramaa jiru ilaalcha keessa galchuun qunnamtii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, keessumattuu birmadummaan damee fayyaa mirkanaa’uu qaba jedhaniiru.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallasaa gama isaaniitiin akka jedhanitti, Itiyoophiyaa keessatti qunnamtiin ogeessota damee fayyaa gidduutti taasifamu nageenya hawaasaaf murteessaadha.
Ogeessonni fayyaa gumaacha mataa isaanii akka qaban eeruun, lubbuu lammii fi dhaloota hunda irratti ashaaraa akka buusan ibsuun, ogeessonni gahee hawaasa keessatti qaban hubachuun hojii komunikeeshinii isaanii sirnaan gaggeessuu irratti ciminaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru.
Jijjiiramni siyaasaa fi diinagdee Itiyoophiyaa keessatti mul’ate xiyyeeffannoo idil-addunyaa hawwachuu isaa hubachiisuun, akkasumas dameen fayyaa qunnamtii waliin walitti hidhamee lammii fayya qabeessa, oomishaa fi bu’a qabeessa ta’e uumuuf akka ta’e ibsaniiru.
Hojii gaggeessaan olaanaa Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa obbo Masaafinti Tafarraa gama isaaniitiin, waggoota darban keessa Ejensiin Pireesii Itiyoophiyaa hojiilee aadaa ijaaruu fi hawaasa barsiisuu danda’an gaggeessaa turuu ibsaniiru.
Dhaabbatichi dandeettii qunnamtii uumuu fi maxxansaa bira darbee aadaa ijaaruu irratti hojii isaa cimsee itti fufeera jedhan.