Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen misooma Kooriidarii bifa magaalattii fi jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiru

Waxabajjii 5/2018(ENA)- Hojiileen misooma Kooriidarii magaalaa Finfinneetti ijaaraman magaalattii miidhagsuudhaan jireenya guyya guyyaa jiraattotaarratti jijjiirama qabatamaa fidaa akka jiran jiraattonni magaalatti ENA’f yaada kennan ibsan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bifni magaalattii sadarkaa idil addunyaa kan eege, jiraattotaaf mijataa fi magaalaa ammayyaa gochuuf hojiilee misooma kooriidarii bal’aa hojjechaa jira.

Jiraattota yaada kennan keessaa obbo Raggaasaa Jimaa, Kanaan dura bakkeewwan ijaaf hin tolle, bu’urri misoomaa kan hin guutamnee fi aduun dhiinaan miilaan deemuuf rakkisaa kan ture har’a ibsaa fi paarkii ammayyaatiin miidhaganii arguun boqonnaa seenaa isa guddaa ti.

Misoomni kooriidarii kun haala hojii fi jireenya jiraattotaa guyya guyyaa fooyyessuusaa kan dubbatan ammoo magaalattiitti gaazexaa gurguruun kan jiraatan obbo Dabbabaa Girmaati.

Bakki Kanaan dura Gaazexaan itti gurguramuu fi itti dubbifamu mijataa waan hin turreef maamiltoonni dhukkee fi aduuf saaxilamaa akka turan yaadatanii, har’a garuu bakki sadarkaasaa eeggatee fi miidhagaan hojjetamuusaa akkasumas teessoon qophaa’uunsaa namoonni dubbisan dabalaa dhufaniiru jedhan.

Bu’aa guddaa misoomni kooriidarii argamsiise keessaa bifa magaalattii jijjiiruusaa fi jiraattotaaf haala mijataa uumuun isa tokko ta’uu kan dubbatan ammoo jiraataa magaalichaa obbo Akliiluu Taklatsiyoonidha.

Dabalataanis obbo Kabbadaa Waaqgaarii miidhaginnnii fi mijannaan uumame hawaasni fayyaasaaf xiyyeeffannoo akka kennu karra baneera jedheera.

Daandiiwwan lafoo fi bishkileetii bal’aan hojjetaman haala mijataa waan uumaniif yeroo ammaa halkanillee jiraattonni hedduun sosochii qaamaa gochaa akka jiran eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015