Tamsaasa Kallatti:

Riifoormiin dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa isaanii dabaluun haala mijataa uumeera

Waxabajjii 5/2018 (ENA): Riifoormiin dinagdee Gooroo biyyattii invastimantii diyaaspooraa fi hirmaannaa daldalaa guddisuun haala mijataa uumeera jedhan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa.

Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun damee dinagdee fi faayinaansii, bulchiinsa sharafa alaa, invastimantii, haaromsa dhaabbilee fi seeraa fi imaammataa irratti haaromsi taasifameera.

Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENAtti akka himanitti, haaromsi diinagdee Gooroo biyyattii keessatti gaggeeffame hirmaannaa invastimantii diyaaspooraa Itiyoophiyaa keessatti dabaluudhaan haala mijataa uumeera jedhan.

Itti dabaluunis diyaaspooraan invastimantii, reemiitaansii fi deeggarsa hawaasummaa irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiirra oolmaan Gabaa, Maallaqa idil addunyaarratti hundaa’uun taasifamuun isaa diyaaspooraan invastimantii irratti caalaatti akka hirmaatu haala mijataa kan uume ta’uu ibsuun, qajeelfamni Firaankoo Vaalutaa hayyama sharafa alaa malee oomishaalee biyyattiif faayidaa qaban akka galfaman hayyamuun isaa hirmaannaan daldalaa diyaaspooraa akka dabalu taasisuu hubachiisaniiru.

Haaromsi bulchiinsa sharafa alaa maallaqa seeraan gara Itiyoophiyaatti ergamu (remittances) haalaan akka dabalu hubachiisaniiru.

Bara kana diyaaspooraan Baankota Itiyoophiyaa keessatti herrega haaraa kuma 20 ol banuun hirmaachaa jiraachuu ambaasaaddar Fitsum hubachiisaniiru.

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa gurguddoon biroo hojiitti galchuun diyaaspooraan invastimantii keessatti hirmaachuun haala mijataa akka uumuus hubachiisaniiru.

Misoomni koridarii fi qarqara lagaa, akkasumas bakkeewwan turizimii babal’isuun diyaaspooraan biyyattii daawwachuu fi dameewwan invastimantii filannoo ta’an akka ilaalan balbala baneera jedhan.

Diyaaspooraan lakkoofsi guddaan daawwannaa fi boqonnaaf gara Itiyoophiyaa kan dhufaa jiru yoo ta’u, kunis kaka’umsa misoomaa fi invastimantii biyyaalessaatiif qaban kan dabalu ta’uu Daarektarri Olaanaan kun ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015