Tamsaasa Kallatti:

Bulchiinsa Dirree Dhawaa waggoota shanan darban kanatti tattaaffiin carraa hojii uumuu babal’isuuf taasifame bu’aa qabeessa dha

Waxabajjii 5/2018 (ENA): Bulchiinsa Dirree Dhawaa waggoota shanan darban kanatti tattaaffiin carraa hojii uumuu babal’isuuf taasifame bu’aa qabeessa dha ta’uu kantiibaan Bulchiinsa magaalichaa obbo Kadir Juhaar ibsani.

Biiroon Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa walga'ii Mana Maree Hojii Uumuu isaa gaggeessaa jira.


 

Baniinsa walgahii kanaa irratti Dura Taa’aan Mana Marichaa kantiibaan magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar akka himanitti, Bara kana dabalatee waggoota shanan darban keessatti carraa hojii babal’isuuf bulchiinsa magaalichaa keessatti hojiileen hojjetaman bu’a qabeessa dha jedhani.

Keessattuu, biyya alaa fi biyya keessaan namoota kuma 71 ol ta’aniif carraan hojii dhaabbataa uumamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Hojiiwwan jajjabeessaa kana itti fufsiisuuf Manni Marichaa itti gaafatamummaa guddaa akka qabu eeruun, keessattuu muuxannoo waggoota darbanii irraa fayyadamuun bu’aa fooyya’aa galmaan ga’uuf ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru.


 

Hogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa Roobeel Geetachoo akka himanitti, lammiileen carraan hojii isaaniif uumameef fedhii guyyaa guyyaa isaanii irra darbee qabeenya horachuun namoota biroof carraa hojii uumuu danda’aniiru jedhani.

Carraa hojii uumameen fi leenjii ogummaa irratti hundaa’e kennamaa jiruun dargaggoonni damee tajaajilaa, industirii fi qonnaa irratti bobba’an damee hojii kamiinuu gahumsaa fi dorgomtummaa isaanii mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru.

Walgahichi gara fuulduraattis hojiiwwan kunneen itti fufsiisuuf karaa mijataa kan uumu ta’uus ibsaniiru.


 

Daarektarri Tajaajila Hojii Uumuu fi Dhaabbata giddugala tokkoo Biiroo kanaa obbo Sa’iid Aliis bara bajataa kana keessa ji’oota 11 qofa keessatti dargaggoota hojii dhabeeyyii gara kuma 19 ta’aniif carraan hojii dhaabbataa bulchiinsa kana keessatti uumamuu isaa ibsaniiru.

Itti dabaluunis damee qonnaa, industirii fi tajaajila irratti carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru.

Kana malees, intarpiraayizoota magaalicha keessatti socho’an kuma 3 ol ta’aniif walitti hidhamiinsa gabaa birrii miiliyoona 125 ol ta’u, akkasumas liqii kennuu, iddoo mijeessuu fi deeggarsa leenjii kennuu imala isaanii gara damee omishaatti milkeessuuf taasifamaa jira jedhan.

Manni Maree Hojii Uumuu Biiroo Hojii Bulchiinsa Dirree Dhawaa waggaatti al lama walga’ii isaa kan gaggeessu gabaasa raawwii karoora carraa hojii uumuu biiroo fi dhaabbileen miseensa mana maree bara bajataa kana keessatti raawwataman dhaggeeffachaa jira.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015