Naannoo Oromiyaa Godinaalee Jimmaa fi Wallagga Lixaatti qophiin tajaajila tola ooltummaa ganna dhufuu taasifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaa Godinaalee Jimmaa fi Wallagga Lixaatti qophiin tajaajila tola ooltummaa ganna dhufuu taasifamaa jira
Waxabajjii 5/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa Godinaalee Jimmaa fi Wallagga Lixaatti tajaajila tola ooltummaa ganna dhufu raawwatamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu hoggantoonni hojii godinaalee ibsan.
Godina Jimmaatti tajaajila tola ooltummaa ganna kanaan dargaggoota hedduu hirmaachisuuf qophiin duraa xumuramuu Waajjirri Dargaggootaa fi Ispoortii godinichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Nagumaa Mokonnin akka jedhanitti, kanaan dura godinichatti tajaajiloonni tola ooltummaa raawwataman bu'aa gaarii fiduu isaanii fi hubannoon dargaggootaa guddachaa dhufuun isaa hirmaannaa kanaaf kaka'umsa ta'eera.
Dargaggoonni tola ooltotaa qonnaan bultoota hojii qonnaan gargaaruu, dhiiga arjoomuu, manneen warra harka qal’eeyyii suphuu fi ijaaruu dabalatee hojiiwwan misoomaa gosa 41 irratti akka hirmaatan ibsaniiru.
Hojiiwwan tola-ooltummaas kutaalee hawaasaa adda addaa deeggarsa barbaadan fayyadamoo akka taasisu ibsaniiru.
Manneen lammiilee harka qal’eeyyii kuma 3 fi 500 ta'an adda baasuun hojiin suphaa akka hojjetamu eeruun, tajaajilli tolaoolummaa gannaa jireenya lammiilee haala rakkisaa keessa jiran fooyyessuuf gargaaraa jira jedhaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, naannicha Godina Wallagga Lixaa keessatti tajaajila tola ooltummaa gannaan ijaarsii fi suphaan manneen lammiilee harka qal’eeyyii kuma 8 ol akka gaggeeffamu ibsameera .
Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman godinichaa Aadde Almaaz Mokonnin akka jedhanitti, tola ooltota qindeessuun hojiin hojjetamaa jiru rakkoolee hawaasummaa lammiilee hedduu hiikaa jira.
Kanaanis, tajaajila tola-ooltummaa ganna kanaan tola ooltota hirmaachisuun, hojiin ijaarsa fi suphaa manneen haaraa 8,693 lammiilee harka qqal’eeyyii kuma 43 ol fayyadamaa kan taasisan akka raawwatamu ibsaniiru.
Milkaa'ina hojichaafis tola ooltotaaf waltajjiin hubannoo uumuu fi sosochii akka qophaa'u eeraniiru.