Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti ganna dhufu lafa heektara kuma 16 ol irratti biqiltuun avokaadoo kilaasteraan ni dhaabbata

Waxabajjii 5/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti ganna dhufu lafa heektara kuma 16 ol irratti biqiltuuwwan avokaadoo sanyii isaanii fooyya’an kilaastaraan akka dhaabbatan Biroon Qonnaa Naannichaa beeksise.

Biriichatti Daayrektarri Misoomsa fuduraalee Chaalachaw Addunyaa ENA’f akka ibsanitti; naannichatti barana misooma muduraaf xiyyeeffannoon addaa kennamuun hojiiwwan garaa garaa hojjetamaa jiru.


Keessattuu wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, gosa muduraalee galii sharafa alaa guddisuuf kan dandeessisan xiyyeeffannoon kennameera jedhan.

Ganna dhufuuf sanyiiwwan muduraalee dhukkuba dandamachuu danda’an, yeroo gabaabaa keessatti omisha guddaa kennanii fi fooyya’an baay’inaa fi gosaan qophaawuu isaanii ibsaniiru.

Avokaadoon alatti gosa muduraalee akka muzii, paappaayaa, maangoo, Burtukaana, appilii, ananaasii fi loomii kanneen biroos akka dhaabbatan eeranii, iddoowwan biqiltuun itti dhaabbatu adda baasuu fi qopheessuun xumurameera jedhan.


Walumaagalatti biqiltuuwwan muduraa dhaabuuf qophaa’an miliyoona 500 ol keessaa miliyoonni 20 biqiltuu avokaadoo ta’uu ibsaniiru.

Qonaan bultoota damee kanaan bobba’an kilaastaraan ijaaruu, hojii misoomaa kanaan walqabatee lafa adda baasuu, boolla qopheessuu fi akkaataa dhaabbii irratti leenjiin hubannoo uumuu itti fufuus kaasaniiru.


Naannichatti yeroo ammaa kanatti naannoo rooba arfaasaa qabanitti hojiin biqiltuu dhaabuu dursamee eegalamuu isaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015