Yaa’iin idil addunyaa fayyaa hawaasaa Afriikaa shanaffaan Finfinneetti ni gaggeeffama - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin idil addunyaa fayyaa hawaasaa Afriikaa shanaffaan Finfinneetti ni gaggeeffama
Waxabajjii 5/2018 (ENA)- Yaa’iin idil addunyaa fayyaa hawaasaa Afriikaa shanaffaan Sadaasa 14 amma 18 bara 2018tti Finfinneetti ni gaggeeffama.
Yaa’iin wiirtuu to’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) fi mootummaa Itiyoophiyaan qophaa’u kun, sirnoota fayyaa cimaa ijaaruunii fi maxxantummaa gargaarsa alaarratti hirkate hir’isuun kallattii Afriikaa fuulduraa murteessuun haala danda’amurratti ni mari’ata.
Yaa’iin kun hoggantoota, imaammata baaftota, qorattoota, ogeeyyota kalaqaa, waldalee siviilii fi dargaggoota waltajjii tokkorratti akka walitti fidu odeeffannoon ENA’n CDC Afriikaarraa argate ni mul’isa.
Daarektarri olaanaa wiirtuu to’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseya, yaa’iin idil addunyaa kun sirnoota fayyaa cimaa fi birmaduu biyyoota Afriikaa fi CDC Afriikaa ijaaruuf tattaaffii fuulduratti godhaniif qama murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Yaa’iin kun dhiheessii Faayinaansii dame fayyaarratti hubannaa haaraa akka qabaatanii fi sirnicha akka fooyyessan haala mijataa akka uumus hubachiisaniiru.
Kunis sirni nageenya fayyaa Afriikaa mul’ata abbummaa, dandeettii kalaqaa fi tumsa Afriikaanotaan dhugoomsuuf akka dandeessisu dubbataniiru.
See less