sagantaan maaddii guutuu Badhaadhina maatii mirkaneessa jira - ENA Afaan Oromoo
sagantaan maaddii guutuu Badhaadhina maatii mirkaneessa jira
Waxabajjii 4/2018 (ENA) – Magaalaa Shaggaritti Inisheetivii sagantaa Maaddii guutuun hojii hojjetameen ijaarsi Badhaadhina maatii dhugooma jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas hojii kana milkeessuuf tooraawwan tarsiimoo badhaadhina maatii irratti xiyyeeffatan hojiirra oolchuun hojii hojjetameen bu'aawwan gurguddoo galmoota badhaadhinaa milkeessan argamaniiru.
Galmoota kanneen dhugoomsuufis Inisheetiiviiwwan Oomishtummaa guddisan hojiirra oolchuun qonna ammayyeessuun hojjetamaa jira.
Magaalaa Shaggarittis hojii gama kanaan hojjetameen bu'aawwan milkaa'ina Badhaadhina biyyaaf utubaa ta'an sadarkaa maatiitti babal'achuun galmoota Magaalichaa dhugoomsuun birmadummaa dinagdee mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Komunukeeshinii Magaalaa shaggar gabaaseera.