Itiyoophiyaanonni Saa’udii Arabiyaatti hidhaarra tura 1655 himannisaanii addaan cituun dhiifamni godhameef - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaanonni Saa’udii Arabiyaatti hidhaarra tura 1655 himannisaanii addaan cituun dhiifamni godhameef
Waxabajjii 4/2018 (ENA)- Itiyoophiyaanonni Saa’udii Arabiyaatti hidhaarra tura 1655 himannisaanii addaan cituun labsiin dhiifamaa akka kennameef ministeerri dhimma alaa beeksise.
Dhiifamni kun kan taasifame ministeerichi misiyoonii Riyaaditti argamuu fi waajjira qonsilaa jiddaatti argamu qiindeessuun carraaqqii dippilomaasii taasiseen ta’uu beeksiseera.
Bu’aan kun mootummaan hariiroo biyya alaa isaatiin dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen kan argame ta’uu ibseera.
Dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffate gama ilaaluun mootummaan dhimmoota Saa’udii Arabiyaatti carraaqqii dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffate ilaalchisuun hordoffii gochaa jira.
Carraadhuma Kanaan mootummaan hawaasni gocha gowwoomsaa seeraan ala namoota godaansisan irraa akka of eeggatu hubachiisaa, namoota akksii seeraan akka gaafataman gochuuf tattaaffiiwwan eegalaman cimanii akka itti fufan beeksisan.