Imaammata Maallaqaa fi Fiiskaalaa qindaa'aan Itiyoophiyaa bulchiinsa diinagdee bu'a-qabeessa ta'e mirkaneessuun ariitiidhaan akka guddattu taasiseera - ENA Afaan Oromoo
Imaammata Maallaqaa fi Fiiskaalaa qindaa'aan Itiyoophiyaa bulchiinsa diinagdee bu'a-qabeessa ta'e mirkaneessuun ariitiidhaan akka guddattu taasiseera
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Imaammata maallaqaafi fiiskaalaa qindaa'aan Itiyoophiyaa bulchiinsa diinagdee bu'a-qabeessa ta'e mirkaneessuun dinagdeen ariitiidhaan akka gaddattu gochuu isaa Minisitiirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsan.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa 6ffaan bara hojii 5ffaa isaa yaa'ii idilee 25ffaa kanaan, labsii bajata mootummaa Federaalaa bara bajataa 2019 ilaalchisee ibsa bajataa Minisitiirri Maallaqaa Ahimad Shidee dhiheessan irratti mari'achaa jira.
Minisitiirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsa isaaniitiin, yaa'ii ministirootaatiin kan dhiyaate wixinee labsii bajata mootummaa federaalaa bara bajataa 2019 ilaalchisee ibsa dhiheessaniiru.