Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli Mootummaa uummatatti dhihaachuun isaa rakkoolee bu'uraalee misoomaa hirmaannaa uummataatiin hiikuuf dandeessiseera

Waxabajjii 4/2018 (ENA): Godina Baalee keessatti tajaajilli mootummaa caalaatti uummatatti dhihaachuu isaatiin, rakkoolee bu’uraalee misoomaa hirmaannaa uummataatiin hiikuun akka danda'ame bulchiinsi godinichaa ibse.

Naannoo Oromiyaatti waggoottan darban keessa caasaan gandaa haarofni ijaaramee, uummatni tajaajiloota mootummaa dhiheenyaatti argachaa akka jiru ni beekama.

‎Godina Baalee keessatti caasaan gandaa ijaarame kunis hirmaannaa misoomaa uummataa guddisuun, rakkoolee bu’uraalee misoomaa hirmaannaa hawaasatiin akka hiikaman carraa kan uume ta’uu bulchiinsi Godinichaa ibseera.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa obbo Biraanuu Arfaasaa akka ibsanitti caasaan gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasaa dabaluun rakkoolee bu'uraalee misoomaa akka hiikaman carraa uumaa jira jedhani.

Caasaan kun gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii, tajaajilaa fi misoomaa uummataa dhiheenyaatti deebisuuf deeggarsa guddaa taasisaa jiras jedhaniiru.

Kanaan dura hawaasni dhimmoota haqaa fi dhimmoota biroo raawwachiifachuuf gara aanaa fi godinaatti deddeebi’uun baasii dabalataa fi qisaasama yeroo hojiitiif saaxilamaa akka turan kan eeran itti gaafatamaan kun, caasaa haaraa kanaan gaaffiiwwan kun deebii argachuu bira darbee, hojii bu’uraalee misoomaa ariifachiisuuf haala mijeessuu isaa dubbataniiru.

Kanaanis hirmaannaa uummataa fi deeggarsa mootummaatiin ijaarsa waajjiraalee gandaa dabalatee, ijaarsonni manneen barnootaa, daandii fi riqichaa ijaaramaa jiruun akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq obbo Ibraahim Hasan gama isaaniitiin, caasaan haaraan kuni gaaffii misoomaa fi bulchiinsa gaarii uummata aanichaa dhiheenyaatti deebisuuf gargaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiyoo keessa hirmaannaa uummataatiin hojiiwwan ijaarsa riqichaa, daandii, sheedotaa fi waajjiraalee gandaa hojjetaman bu’aa caasaa kanaa ta’uu isaanii eeraniiru.

Jiraattota aanichaa yaada isaanii kennan keessaa obbo Bakar Sulxaan,caasaan gandaa gaaffiin bulchiinsa gaarii fi misoomaa uummata naannichaa dhiheenyaatti akka deebi’u gargaaraa jiraachuu ibsuun, riqicha fi sheedii hojii dargaggootaa hirmaannaa uummataatiin ijaaraman akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Jiraataan aanichaa kan biraan obbo Ahimad Mahaammad gama isaaniitiin,caasaan gandaa naannoo isaaniitti hojiirra ooluu isaan kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf rakkina isaan mudachaa ture kan hanbisee fi hirmaannaa isaan misooma irratti taasisan kan guddise ta’uu dubbataniiru.

Godina Baalee keessatti waliigalaan gandoonni haaraan gurmaa’an 189 kan jiran yoo ta’u, gandoota kanneen keessatti humna namaa guutuun ramadamee hawaasaaf dhiheenyaatti tajaajilli kennamaa akka jiru beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015