Tamsaasa Kallatti:

Wixineen Baajata Bara 2019 Birrii Tiriiliyoona 2.339 ol ta’ee dhiyaate

Waxabajjii 4/2018 (ENA): Wixineen baajata mootummaa federaalaa bara 2019 Birrii tiriliyoona 2.339 ol ta’ee dhiyaateera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa 6ffaan wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2019 ilaalchisee ibsa baajata Ministirri Maallaqaa Ahmad Shideen yaa’ii idilee 5ffaa irratti dhiyeessan irratti marii’achaa jira.




Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee ibsa isaanii keessatti wixinee baajata mootummaa federaalaa bara 2019 Mana Maree Ministirootaatiin dhiyaate ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Tilmaama ramaddiin baajata bara baajataa itti aanuuf yaadame irratti hundaa’e bal’inaan ibsuun, imala diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa fi ilaalcha dinagdee fi raawwii bara baajataa xumura irra jiru kaasuun ibsaniiru.

Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee wixinee baajata kana mana mareef wayita dhiyeessan, karoora misoomaa fi diinagdee Gooroo mootummaan qabate tilmaama keessa galchuun baajatichi kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Baajata bara baajata 2019 yaadame keessaa birrii tiriiliyoona 1.236 baasii idileetiif, birrii biiliyoona 568.2 baasii kaappitaalaaf akka oolu ibsaniiru.

Dabalataanis deeggarsa baajata mootummoota biyyaalessaa fi naannoleetiif Birri biiliyoona 520.6, galmoota misooma itti fufiinsa qabuu naannolee hojiirra oolchuuf birrii biiliyoona 14 akka bahu himaniiru.

Baajata waliigalaa keessaa dhibbeentaan 52.9 baasii idileetiif kan ramadamu yoo ta’u, kana keessaa Birriin biiliyoona 542 liqaa biyya keessaa fi alaa deebisuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Baasii idilee kana keessaa birrii biiliyoona 236.4 ammoo xaa’oo, deeggarsa boba’aa fi daballii kaappitaalaa Intarpiraayizii Boba’aa Itiyoophiyaatiif ramadameera jedhan.

Dhaabbilee baajata mootummaaf mindaa, duurgoo fi kaffaltii adda addaatiif birrii biiliyoona 170.8 ramadameera jedhan.
Waraanni Baha Giddu Galeessaa guddina dinagdee irratti dhiibbaa akka geessisu agarsiiftuun mul’achuu himaniiru.

Baajata bara 2019 dhiibbaa waraanni Baha Giddu Galeessaa ilaalcha keessa galchuun qophaa’uus ibsaniiru.
Galiin waliigalaa mootummaa federaalaa bara baajata 2019tti Birrii tiriiliyoona 1.817 tilmaamameera.
Kana keessaa birri tiriiliyoona 1.6 galii gibiraa fi gibiraan ala ta’e irraa sassaabuuf karoorfamee akka jiru akeekaniiru.

Bara baajata 2019’f baajata birrii tiriliyoona 2.339 yaadame bara baajata amma jiruun wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 21.3 dabaluu isaa ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015