Finfinneetti har'aa eegalee lakkoofsi gabatee konkolaataa haaraan Kennamuu eegale - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti har'aa eegalee lakkoofsi gabatee konkolaataa haaraan Kennamuu eegale
Waxabajjii 4/2018(ENA): Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti har'aa eegalee lakkoofsi gabatee konkolaataa haaraan kennamuu eegaleera.
Hoji-geggeessaa Olaanaan Abbaa Taayitaa Eeyyamaa fi To'annoo Konkolaachistootaa fi Konkolaattotaa Finfinnee obbo Zagayyee Balaaynee ibsa kennaniin, guyyaa har'aa Waxabajjii 4/2018 irraa eegalee lakkoofsi gabatee haaraan konkolaattota magaalattiif kennamuu akka jalqabu ibsaniiru.
Haaluma kanaan, Konkolaachistonni galma'anii eeggachaa turan dammeewwan itti galma'an irraa bilbilli bilbilameefii akka fudhatan eeraniiru.
Gabateen Kun koodii idil addunyaa ET jedhu of irraa qaba.
Lakkoofsi gabatee haaraan kun kan kennamu konkolaattota haaraa qofaaf ta'uus dubbataniiru.
Gama biraatiin, warra lakkoofsa gabatee moofaa fayyadamaa jiran ilaalchisee gara fuulduraatti Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksiin kan ibsamu ta'uu isaa hubachiisaniiru.
Gabateen konkolaataa kun Magaalaa Finfinneetti har'a kennamuu haa eegalu malee, gara fuula duraatti magaalota naannoottis yeroo dhiyootti ni eegala jedhameera.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA