Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa qabxii gaarii fiduuf qophoofneerra-Barattoota - ENA Afaan Oromoo
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa qabxii gaarii fiduuf qophoofneerra-Barattoota
Waxabajjii 4/2018 (ENA): Barattoonni Magaalaa Aggaarootti qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatan qabxii gaarii galmeessisuuf qophii gahaa taasisuu isaanii ibsaniiru.
Waajjirri Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo gama isaatiin barattoonni Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara kana fudhatan qabxii gaarii akka argatan deeggarsi taasifamaa jiraachuu beeksiseera.
Barattoonni yaada isaanii ENA’fkennanis akka himanitti, carraaqqii mataa keenyaatiin alatti barsiisonni barnoota dabalataa kennuuniifii fi gaaffilee dabalataa qopheessuun qormaata irratti bu'aa gaarii akka galmeessaniif nu deeggaraa jiru jedhani.
Kutaa 9ffaa irraa eegalanii qormaataaf qophaa’oo ta’uu eeruun, barsiisonni isaaniin deeggarsa isaaniif kennaa jiraachuu dubbataniiru.
Barattuun Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Aggaarootti Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaahaa jirtu Baamlaak Tamasgeen qormaatichaaf qophii gahaa taasisuu himteetti.
Mana barumsaadhuma kana keessatti Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf qophaa’aa kan jirtu barattuu Timkiin Mahaammad akka gaariitti qophaa'aa akka jirtu dubbatteetti.
Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti barataan Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Jiddaa Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuuf jiru Amiir Abdurahmaanis qormaata kanaaf akka gaariitti qophaa’aa akka jiru ibseera.
Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Aggaarootti Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhattu Asmaa Tamaam qormaata kanaaf akka gaariitti qophaa'aa akka jirtu dubbatteetti.
Itti Gaafatamaan Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo obbo Daawud Kadir akka himanitti, bara kana barattoonni Saayinsii Uumamaatiin 478, Saayinsii Hawaasummaatiin 462, walumaa galatti barattoonni 940 qormaata kan fudhatu jedhani.
Haaluma kanaan barattoonni Qormaata Bahumsaa Biyyaalessaa kutaa 12ffaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa magaalattii keessatti fudhatan qophii gahaa taasisuun deeggarsi barbaachisu kennamaafii jiraachuu ibsaniiru.
Barattoonni yeroo qo’annoo isaanii sirnaan fayyadamuun qormaata irratti bu’aa gaarii akka argataniif daree barnootaa fi manneen kitaabaa mijataa fi qo’annoof qophaa’aa akka ta’uuf hojiin hojjetamaa turuu eeraniiru.
Qormaanni kun toora interneetii(onlaayinii) irratti kan kennamu ta’uu isaatiin walqabatee, qormaattonni shaakala kompiitaraa fi bulchiinsa yeroo kennameefii gareen akka baratan bu’aa gaarii argachuuf akka of qopheessan ta’uu ibsaniiru.
Barsiisonnis sa’aatii barnootaa idileetiin alatti bu’aa gaarii akka argataniif deeggarsa addaa barattootaaf taasisaa turuu isaanii ibsuun, deeggarsi kun akka itti fufu beeksisaniiru.
#ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA