Tamsaasa Kallatti:

Dhiyeessii humnaa amanamaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf humna aduu babal’isuu irratti xiyyeeffatameera

Waxabajjii 3/2018 (ENA): Dhiyeessii humnaa amanamaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf humna aduu babal’isuu irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksise.

Ministeerichi waltajjii marii madda anniisaa filannoo babal’isuu fi hirmaannaa qooda fudhattoota damichaa cimsuuf kaayyeffate magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

Akka De’eetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Sulxaan Walii himanitti, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuuf ciminaan hojjechaa jirti jedhani.

Misooma anniisaa bishaanii, aduu, qilleensaa fi ji’ooteermaaliif xiyyeeffannoon addaa kennamuu eeruun, yeroo ammaa dhiyeessiin humna ibsaa dhibbeentaa 96 humna elektirikii bishaanii irraa akka ta’e himaniiru.

Dhiyeessii humnaa amanamaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf misooma anniisaa aduu babal’isuun filannoo xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjetamaa jiru ta’uu dubbataniiru.

Misoomni anniisaa aduu filannoowwan misooma anniisaa haaromfamuu danda’an filannoo ta’an keessaa tokko ta’uu eeruun, misooma isaa keessatti damee dhuunfaa fi qooda fudhattoonni hirmaachisuuf bu’uuraalee fi hojmaatni seeraa diriiruu isaanii ibsaniiru.

Qonnaan bulaa fi horsiisee bultoonni jallisii fi damee hojii adda addaa irratti haala itti fufiinsa qabuun akka hirmaatan gochuu keessatti misoomni anniisaa aduu furtuu fi gargaaraa ta’uu ibsaniiru.

Aanaalee fi gandoota baadiyyaa sarara humna ibsaa guddicha irraa fagaatan humna ibsaa dhiyueessuu bira darbee bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuu fi misooma jallisii irratti hirmaachuudhaan bu’aa galmeessisaa jira jedhan.


 

Ministeera Bishaanii fi Inarjiitti Hogganaan Sagantaa Minigiriid Afrikaa ‘UNDP’ obbo Yimasilaal Tafarraa gama isaaniitiin dameen dhuunfaa misooma anniisaa aduu irratti hirmaachuu fi damicha walta’iinsaan guddisuuf haala mijataa uumuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Keessattuu bu’uuraalee seeraa irraa eegaluun haaromsi hojmaataa hedduun qophaa’uu isaas hubachiisuudhaan, dameen anniisaa damee invastimantii keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas waldaaleen hojii gamtaa fi yuuniyeenonni tokko tokko keessumaa damee qonnaatiin misooma anniisaa aduu irratti hirmaachuu fi misooma jallisii qonnaa bal’aa gabaa irratti xiyyeeffatee fi dandeettii galii isaanii guddisu akka gaggeessan carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Sagantaan kun waldaalee hojii gamtaa fi yuuniyeenota misooma anniisaa aduu irratti leenjii ijaarsa dandeettii kennuu qofa osoo hin taane, qabatamaan Hawaasaa, Somaalee fi Qellam Wallaggaatti hojiin socho’aa akka jiru ibsaniiru.


 

Biiroo Bishaanii fi Inarjii Naannoo Oromiyaatti Daarektarri Dhiyeessii Inarjii obbo Tasfaayee Sooressaa akka himanitti, Misooma anniisaa haaromfamuu danda’u babal’isuu irratti Ministeera Bishaanii fi Inarjii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jirra jedhani.


 

Keessattuu Godina Qeellam Wallaggaa Laaloo Qileetti misooma anniisaa aduu mini-giriid gaggeessuuf tumsaan hojjetamaa jira jedhan.

Waldaalee hojii gamtaa fi yuuniyeenonni naannichaa misooma anniisaa aduu irratti akka hirmaatan leenjiin ijaarsa dandeettii kennamaa jiraachuus ibsaniiru.

#ENA_Afaan_Oromoo #TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015