Yakka dijitaal faayinaansii fi waliin dhahuu telekoomii qolachuuf qaamolee haqaa fi nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yakka dijitaal faayinaansii fi waliin dhahuu telekoomii qolachuuf qaamolee haqaa fi nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira
Waxabajjii 3/2018(ENA)-Yakka dijitaal faayinaansii fi waliin dhahuu telekoomii qolachuuf qaamolee haqaa fi nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru Itiyoo-telekoom beeksise.
Mata duree “qindoominni Itiyoo-telekoomii fi qaamolee haqaa nageenya Itiyoophiyaa dijitaalaaf” jedhuun waltajjiin miidhaa waliin dhahuu dijutaal faayinaansiirra gahuu fi akkasumas bu’ura misoomaarra gahaa jiruu fi furmaatasaa irratti xiyyeeffate kmagaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti kan argaman Chiif leegaal ofisariin Itiyoo-telekoomii Lammaa Tasammaa, kaampaanichi milkaa’ina dame telekoomiin argame itti fufsiisuuf tarsiimoowwan garagaraa bocuun hojiirra oolmaasaaf carraaqaa jira jedhaniiru.
Waggoottan darban hojiirra kan oolan tajaajiloonni telekoomii fi dijitaalaa misooma biyyaalessaa hammataa ta’e si’achiisuudhaan qooda murteessaa bahuusaanii kaasanii fuulduras cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan boru eessa akka geessuu fi carraa dijitaalaa egeree milkeessuuf karoora tarsiimoo wagga sadii bocuun hojiirra oolaa akka jirus kaasaniiru.
Tarsiimoon haaraan kan ta’e “dijitaalli nuuraa” Itiyoo telekoomiin dorgomaa idil addunyaa fi kaampaanii dijitaalaan gabbate gochuuf kan akeekame ta’uu ibsanii, ajandaawwan misooma biyyaalessaa si’achiisuun, dinagdee dijitaalaa riijinii fi idil addunyaatiin carraalee haaraa banuuf murteessaa ta’uusaas dubbataniiru.
Imala milkaa’inaa Kaampaanichaa waggoottan darbanii keessatti yakkoonni dijitaal faayinaansii fi waliin dhahuun telekoomii mudachuusaanii eeraniiru.
Saamichii fi hanni bu’uraalee misoomaa telekoom irratti raawwataman rakkoo isa biraa ta’uu kaasanii yakkoota kanneen qolachuuf keessumaa dhaabbilee haqaa waliin qindoominaan hojjechaa jirra jedhaniiru.
Hoggantoonnii fi ogeeyyonni abbaa alangaa walii galaa federaalaa, poolisii fi mannee murteerraa walitti dhufan waltajjicharratti hirmaachaa jiru.