Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob tajaajilamtoota kuma 230 ol keessummeessuu danda’eera - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob tajaajilamtoota kuma 230 ol keessummeessuu danda’eera
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Hojiin tajaajila dijiitaalaa mootummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Addis Masoob erga eegalee yeroo gabaabaa keessatti namoota kuma 230 ol keessummeessuusaa waajjirri kantiibaa beeksise.
Gidduugalichi itti quufinsa maamilaa dhibbentaa 99 galmeessuusaa beeksiseera.
Kenninsa tajaajilaa magaalaa Finfinnee ammayyeessuu fi tajaajila mootummaa dijitaalaa wiirtuu tokkoof haala mijataa uumuuf kan eegalame pirojektiin tajaajila wiirtuu haaraan Addis Masoob kun milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu eeraniiru.
Hanga Waxabajjii 30 bara 2018 giddugalaawwan 11 banuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru yoo ta'u, hanga Caamsaa 30 bara 2018tti saglan isaanii guutummaatti tajaajila eegalaniiru.
Isaanis: Araadaa, Boolee, Lidataa, Qirqoos, Addis Katamaa, Gullallee, Nifaas Silk Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo fi Ekkaan guutummaa guutuutti hojiitti galaniiru.
Hojii-geessisaan Olaanaan tajaajila dijitaalaa giddugala tokkoo "Addis Masoob" Injiinar Dassaalenyi Tarrafaa akka ibsanitti, giddugalaawwan hafan kanneen akka Aqaaqii fi Lammii Kurraa raawwiin ijaarsa isaanii dhibbantaa 99 tuqaa 5 ol waan ta'eef, guyyoota dhiyoo keessatti eebbifamanii tajaajila akka eegalan qophiin xumurameera.
Milkaa'inni kun kan argame deeggarsa addaa bulchiinsa magaalichaan qacarrii ogeessotaa, leenjii fi meeshaaleen bu'uuraa dursanii guutamuu isaaniitiin akka ta'e Injinar Dassaalenyi dabalanii ibsaniiru