Dhaabbatichi pirojektoota dijitaalaayizeeshinii kenniinsa tajaajilaa bu’a qabeessaa fi mijataa taasisu hedduu hojiirra oolchaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbatichi pirojektoota dijitaalaayizeeshinii kenniinsa tajaajilaa bu’a qabeessaa fi mijataa taasisu hedduu hojiirra oolchaa jira
Waxabajjii 3/2018 (ENA): Sirna madaallii barnootaa fi tajaajila qormaataa ammayyeessuun alattis, Pirojektoota dijitaalaayizeeshinii kenniinsa tajaajilaa bu’a qabeessaa fi mijataa taasisu hedduu hojiirra oolchaa jiraachuu Daarektarri Olaanaa Dr. Isheetuu Kabbadaa ibsaniiru.
Dandeettiin qormaata biyyaalessaa karaa oonlaayiniin qoruu gaggeessu uumamuusaas akeekaniiru.
Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiitiin eegalame imala dijiitaalaayizeeshinii biyyattii keessatti bu’aa olaanaa galmeessisuun isaa ni beekama.
Kana hordofuun Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 tibbana ifoomee fi yeroo ammaa hojiirra oolaa jirus biyyattiin damee dijitaalaa irratti bu’a qabeessummaa akka qabaattu gumaacha guddaa taasisaa jira.
Turtii ENA waliin taasisaniin, Daarektarri Olaanaa sirna Madaallii barnootaa fi tajaajila Qormaataa Doktar Isheetuu Kabbadaa, tajaajilichi imala dijiitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa keessatti gahee isaa ba’uuf hojiiwwan isaa karaa teeknooloojii qorachuuf hojiiwwan bal’aa gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilli adda addaa dhaabbatichi kennu haaromfamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Yeroo hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 irratti dandeettiin qormaata biyyaalessaa adda addaa dorgomtootaaf dhiyeessuu kan uumame yoo ta’u, irra caalaan isaa toora interneetii (oonlaayinii) irratti akka ta’e eeraniiru.
Daarektarri kun kaadhimamaa malees, tajaajila barbaaddonni biroos hojmaata mijataa marsariitii dhaabbatichaa fi iyyannoo interneetii waliin walqabatu qopheessuu isaanii ibsaniiru.
Haaluma kanaan sirni lammiileen sanada barnootaa bade ykn miidhame iyyachuu fi gaafii isaanii qaamaan gara dhaabbatichatti osoo hin dhufiin deebii itti argachuu danda’an uumamuus himaniiru.
Gaaffiin mirkaneessa barnootaas guutummaatti dijiitaalaan deebii kennamaa akka jirus ibsaniiru.
Dhaabbatichi hojii teeknooloojii madaqsuu fi dandeettii ijaaruu cimsuun Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 fuulduratti tarkaanfachiisuu fi tajaajila lammiileef kennamu caalaatti dhaqqabamaa taasisuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Kunis dhaqqabummaa tajaajila adda addaa hawaasaaf kennamu babal’isuuf ga’ee olaanaa akka qabu akeekaniiru.