Naannoo Oromiyaatti xaa’oon biyyee kuntaalli miliyoona 4 ol raabsameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti xaa’oon biyyee kuntaalli miliyoona 4 ol raabsameera
Waxabajjii 3/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti xaa’oon biyyee kuntaalli miliyoona 4 ol qonna Gannaatiif kan oolu qonnaan bultootaaf raabsameera jedhe Biiroon Qonna Naannichaa.
Daarektarri Komunikeeshinii Biirichaa obbo Indaashaaw Jamaanee ENAtti akka himanitti, naannichatti qonna Gannaatiin lafa heektaara miiliyoona 11.1 misoomsuun, oomisha callaa kuntaala miiliyoona 380 ol galmaan ga’uuf karoorfameera jedhani.
Lafa waliigalaa qonna Gannaatiina heektaarri miiliyoona 8.9 mala qonnaa kilaastara fayyadamuun kan misoomu ta’uu eeraniiru.
Naannichatti hanga ammaatti lafti heektaara miiliyoona 8 ol kan qotame yoo ta’u, kana keessaa heektaarri miiliyoona 2 fi kuma 823 ol midhaan gosa adda addaatiin kan uwwifame ta’uu eeraniiru.
Yeroo oomishaatti galma karoorfame galmaan ga’uuf dhiyeessiin galteewwanii gaggeeffamaa akka jiru eeraniiru.
Qonna Gannaan xaa’oo kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfame hojiitti galfamuu isaa eeruun, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala miiliyoona 8 fi kuma 454 ol karaa waldaalee hojii gamtaa fi yuuniyeenotaan raabsamuu isaa eeraniiru.
Xaa’oo waldaalee fi yuuniyeenii irraa argame kuntaalli miiliyoona 4 ol qonnaan bultootaaf raabsamuus ibsaniiru.
Sanyii filatamaa kuntaala miiliyoona 2 ol karoorfame keessaa kuntaalli kuma 378 fi 426 naannolee naannichaa adda addaatti kan dhiyaate yoo ta’u, kana keessaa kuntaalli kuma 355 fi kuntaalli 73 qonnaan bultootaaf yeroon akka raabsame himaniiru.
Haalli rooba amma naannicha keessa jiru gaarii waan ta’eef qonnaan bultoonni haala mijataa kana fayyadamuun qonna irratti dammaqinaan hirmaachaa jiraachuus hubachiisaniiru.
Itti dabaluunis hoggantoonnii fi ogeeyyiin qonnaa naannoo irraa kaasee hanga sadarkaa gadiitti hordoffii cimaa fi deeggarsa ogummaa qonnaan bultootaaf taasisuun milkaa’ina Qonna Gannaatiif akka tumsan ibsaniiru.