Bulchiinsichatti damee barnoota Idileen duraan hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uunsaanii ibsame - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsichatti damee barnoota Idileen duraan hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uunsaanii ibsame
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Bulchiinsa Dirree Dawaatti waliingahinsaa fi qulqullina barnoota idileen duraa guddisuuf hojiiwwan jajjabeessoon raawwatamaa jiran cimanii akka itti fufan Biiroon Barnootaa Bulchiinsichaa beeksise.
Barnoonni Idileen duraa, guddina guutuu daa'immaniitiif, Milkaa'ina barnoota sadarkaa tokkoffaa itti aanuutiif fi Addaan kutuu barnootaa hir'isuuf gumaacha bu'uuraa qaba.
Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Dirree Dawaa waggoottan jijjiiramaa keessa damee kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiiwwan hedduu raawwachaa tureera.
Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Barnoota Bulchiinsichaa, Obbo Abubakar Addoosh akka jedhanitti; baadiyaa fi magaalaa Dirree Dawaa keessatti barnoota ammayyaa fi qulqullina qabu dhaqqabamaa gochuuf barsiisonni fi meeshaaleen deggarsa barnootaa guutamanii jiru.
Keessattuu, dhaqqabummaa fi qulqullina barnoota idileen duraa mirkaneessuuf hojiiwwan bulchiinsichi raawwate hedduun isaanii bu'a-qabeessa ta'uu ibsaniiru.
Baatii qabame kana keessa baasii birrii miiliyoona 68n ijaararsi manneen barnoota Idileen duraa ammayyaa saddeet eegalamuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Ijaararsi manneen barnootaa Idileen-duraa ammayyaa baasii mootummaa Federaalaa fi bulchiinsichaan eegalaman kunniin, saffisaa fi qulqullinaan ijaaramanii tajaajila akka kennan ni taasifama jedhaniiru.
Hojiiwwan jajjabeessoo sosochii “Barnoota Dhalootaaf” jedhuun raawwataman cimsanii itti fufsiisuun, dhaqqabummaa fi haqummaa barnoota idileen duraa mirkaneessuuf akka hojjetamus eeraniiru.
Hojiin jajjabeessaan guddina daa'immanii irratti hojjetamaa jiru, damee barnootaa keessatti bu'aa barbaadamu fiduuf bu'uura gaarii uumuu isaas dubbataniiru.
Bulchiinsa Dirree Dawaa baadiyaa fi magaalaa keessatti manneen barnoota idileen duraa 155 kan argamu yoo ta’u , Manneen barnoota kana keessatti daa'imman kuma 23 fi 750 ta'an barnoota isaanii hordofaa jiru.