Misoomni Qamadii Bonee guddina diinagdee Biyya keenyaa saffisiisaa jira- Obbo Awwaluu Abdii - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Qamadii Bonee guddina diinagdee Biyya keenyaa saffisiisaa jira- Obbo Awwaluu Abdii
Waxabajjii 3/2018(ENA) : Naannoo Oromiyaatti inisheetiivii misooma qamadii jallisii Bonee irratti waggoota darban keessatti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa tureen, aadaan qonna biyya keenyaa waqtii Gannaa roobaa qofaan daangeffamee ture jijjiiramuun waqtiin hundi waqtii misoomaa; goleen Oromiyaa marti dirree misoomaa ta'aa dhufeera jedhan Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii.
Godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti hojiin misoomaa qophii lafaatii hanga kunuunsaafi sassaabaatti xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamaa jiruun oomishaaf oomishtummaan dabaluun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuufi humni diinagdee biyyaa jabeessaa jira.
Bu'uuruma kanaan, guyyaa har'aa Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Qimbibiitti sassaabbiin oomisha qamadii jallisii Bonee eegalchiisaniiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa bu'uura yaadama ida'amuu hojirra oolchuuf inisheetiivii misiima qamadii jallisii Boneetiin, birmadummaa biyyaa guutuu taasisuuf, wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuun oomishaafi oomishtummaatti humna horuun murteessaa ta'uu ibsaniiru.
Makaanaayzeeshiniitti fayyadamuun tiraaktaraan qotuu fi kompaaynaraan sassaabuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu bira darbee diinagdee biyyaatti cimsaa jira jedhani.
Hojiin misooma qamadii Bonee jallisiin misoomaa jiru, oomisha alaa galu bakka buusuu,alaa galchii xiqqeessuu fi carraa hojii bal'aa uumaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoon Oromiyaa badhaadhina maatii fi biyyaa mirkaneessuuf xiiqiin hojjechaa jiraachuu eeruun,misooma baadiyaa bu'uurarraa cimsuuf walitti hidhamiinsa kilaastaraa babal'isuu,galtee qonnaa cimsuu,itti fayyadama teeknoolojii dabaluun oomishni qulqullina qabu argamaa jraachuu himaniiru.
Godinni Shawaa Kaabaa fakkeenya badhaadhinaa ta'aa dhufuu kan eeran obbo Awwaluun Godinichatti aadaan tiraaktaraan qotuu fi kompaaynaraan midhaan sassaabuu aadeffatamaa dhufuu ibsaniiru.
Godinichaatti qamadiin jallisii Boneetiin lafa hektaara kuma 250 ol irratti jallisiin misoomaa jiraachuu ibsaniiru. Kanarraatiis callaan kuntaalli miiliyoona 9.2 ol kan eegamu ta'uu eeraniiru jechuun Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa gabaaseera.